Walgahiin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa fuula dhugaa ardii kanaa beeksisuuf bu'uura cimaa kan kaa’udha - ENA Afaan Oromoo
Walgahiin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa fuula dhugaa ardii kanaa beeksisuuf bu'uura cimaa kan kaa’udha
Ebla 29/2018 (ENA): Yaa’iin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa fuula dhugaa ardii kanaa beeksisuuf, ajandaa jijjiiramaa ijaaruuf bu’uura cimaa kaa’aa jira jedhan hirmaattonni yaa’ichaa.
Fuula dhugaa Afrikaa addunyaatti beeksisuu fi ajandaa dijitaalaa irratti seeneffama dogongoraa hogganuuf kan kaayyeffate Yaa’iin Dhiibbaa uumtota Miidiyaa Hawaasummaa Afrikaa (ASMIS 2026) inni jalqabaa magaalaa Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti har’aa fi boru ni gaggeeffama.
Yaa’icharratti hirmaachuuf dhiibbaa uumtonni 61 biyyoota Afrikaa 30 irra walitti babba'anii fi hordoftoota miidiyaa hawaasummaa miliyoona 321 ol qaban Finfinnee seenaniiru.
Kana malees, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban walitti dhufanii wiirtuu dippilomaasii addunyaa Finfinnee seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa’aniiru.
Dabalataanis, qabiyyee uumtonni Itiyoophiyaa 120 hordoftoota miliyoona 150 qaban waliin qindoomuun,Finfinnee wiirtuu Dippiloomaasii Addunyaa taate keessatti seenaa dijitaalaa haaraa barreessuuf qophaa'aniiru.
Kanaanis, qaama yaa’ichaa kan ta’e daawwannaan kun kan jalqabaa yoo ta’u, Finfinneenis hojiiwwan ishee teessoo Afrikaa ta'uushee waliin wal gitu ni daawwachiifti.
Yaa’icha mataduree "Dhiibbaa uumtoota Afrikaa fooyya'eef" yaada jedhuun ‘Pulse of Africa" fi Intarpiraayizii Teeknoolojii A.G.A waliin qindoomuun kan qophaa'edha.
Hirmaattota waltajjichaa keessaa dargaggeessi Keeniyaa Saamu’eel Maabootee Finfinneen “magaalaa guddoo Afrikaa dhugumatti bareedduu dha jechuun ibsuun, waltajjii guddaa kana irratti hirmaachuu isaatti akka boonu dubbateera.
Qindeessitoota waltajjii kanaa, kan yeroo jalqabaaf guutuu Afrikaa irraa qabiyyee uumtota walitti fide kana kan galateeffate Saamu’eel, miidiyaan hawaasaa egeree keenya, bara ammayyaa kana keessas ce’uu qabna jedheera.
Miidiyaa hawaasaa fayyadamuun Afrikaa ijaaruu fi jijjiiruuf murteessaa ta’uu ibsuun, qabiyyee uumtota addunyaa mara irraa dhufan waliin wal arguu fi muuxannoo wal jijjiiruuf qophii ta’uu eereera.
Waltajjiiwwan akkanaa Afrikaa abdii haaraan ijaaruu fi jijjiiruu keessatti iddoo guddaa akka qabu himeera.
Kaameeruun irraa kan dhufe Mostik Kaarismatik, konfiraansiin kuni waan guddaa ta’uu himeera.
Obbolooleewwan Afrikaanota waliin walbaruuf carraa guddaa akka ta'us dubbateera.
Yaada bilchaataa Afrikaa cimtuu ijaaruu fi dhiibbaa dargaggootaa cimaa uumuuf carraa guddaa ta’uu ibseera.
Hirmaattota waltajjichaa keessaa Biraadilii Maaroongoon Finfinneetti argamuun gammachuu guddaan akka itti dhagahame eereera.
Finfinneen magaalaa guddittii jechuun kan jaje dargaggeessi qabiyyee uumuu kun, waliin hojjechuu fi muuxannoo wal jijjiiruuf qophii ta'uu mirkaneesseera.