Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa damee Aviyeeshiniitiin Afrikaa addunyaa waliin wal qunnamsiisuu keessatti gahee adda duree taphachaa jira - ENA Afaan Oromoo
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa damee Aviyeeshiniitiin Afrikaa addunyaa waliin wal qunnamsiisuu keessatti gahee adda duree taphachaa jira
Ebla 29/2018 (ENA): Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa damee aviyeeshiniitiin Afrikaa addunyaa waliin walqunnamsiisuu keessatti gahee adda duree taphachaa akka jiru itti gaafatamaan Daandii Qilleensaa Eerbaasii Afrikaa himan.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaas oomishaalee fi tajaajiloota gabaa addunyaatti geessuun daldalaa fi invastimantii saffisiisaa jira jedhan Pireezidaantiin Waldaa foon alatti erganii Itiyoophiyaa obbo Kaliifaa Huseen.
Daarektarri Gabaa Daandii Xiyyaaraa Eerbaasii Afrikaa Juup Ilaarsi ENAtti akka himanitti,Industiriin aviyeeshinii damee daldalaa fi invastimantii ardiilee gidduutti haala mijeessuuf gahee olaanaa qab jedhani.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tajaajila balalii waggoota 80 darbaniif Afriikaa addunyaa waliin walqunnamsiisuun adda duree ta’uu ibsaniiru.
Oomishaalee fi tajaajiloota Afrikaa gabaa addunyaatti beeksisuun daldalaa fi invastimantii guddisaa jiraachuu ibsaniiru.
Daangaa balalii isaa babal’isuun hariiroo hawaas-dinagdee, daldalaa fi invastimantii Afrikaa guddisuu keessatti gahee ijaarsaa taphachaa akka jirus hubachiisaniiru.
Keessummeessitoonni Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa taasisan kan galateeffamu ta’uus mirkaneessaniiru.
Tajaajila balalii bira darbee guddina damee aviyeeshinii Afrikaa suphaa xiyyaara, barnootaa fi leenjiitiin guddisuuf hojjechaa akka jirus eeraniiru.
Itti dabaluunis Eerbaasiin tumsa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa waliin qabu daran cimsee leenjii aviyeeshinii irratti waliin hojjata jedhaniiru.
Pireezdaantiin Waldaa foon qalanii alatti ergani gama isaaniitiin, Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa mallattoo idil-addunyaa Afrikaa ta’uu ibsaniiru.
Babal’inni balalii daandiin xiyyaaraa kun oomishaalee fi tajaajiloota gabaa addunyaaf dhiyeessuun tumsa daldalaa fi invastimantii cimsuus ibsaniiru.