Tamsaasa Kallatti:

Tajaajilichi dhiheessii Anniisaa Amansiisaa babal’insa Sararawwan raabsaa Haarawaa gaggeesse

Ebila29/2018(ENA) - Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ji’ootan saglan darbanitti dhiyeessiin Annisaa Amansiisaa ta’e akka jiraatuuf hojii hojjateen, sararoota raabsaa haarawaa kiiloomeetira kuma 9 fi 588 raabsa sarara haaraa gaggeesseera.

Haala Kanaan kiilomeetirri kuma 3 fi 518 sarara giddu-galeessaa yoo ta’u, kan hafe immoo diriirsa sarara gadi-aanaa irratti kan raawwatame ta’uu hojii raawwachiisaan Komunukeeshinii Tajaajila Elektiriikii Itiyoophiyaa Anuwaar Abraar dubbataniiru.

Dabalataanis dhiheessii Anniisaa kana guddisuuf tiraansifoormaroota raabsaa haaraa dandeettii garaa garaa qaban kuma 3 fi 683 dhaabuun raawwatamuu akka danda’ame ENA’f mirkaneessaniiru.

Bu’uuraalee misoomaa Elektiriikaa duraan ture fooyyessuu fi addaan ciccitinsa Anniisaa hir’isuurratti sarara giddu-galeessaa kiiloo meetira kuma 62 fi 274 kan uwwisu akkasumas tiraansifoormaroota kuma 67 fi 131 irratti qorannoon ittisa duraa gaggeeffameera jedhaniiru.

Gama biraatiin, ji’oottan saglan darbanitti ijaarsi sarara giddu-galeessaa kiiloo meetirri kuma 3 fi 99 fi gadi-aanaa deebisanii ijaaruun kan raawwatame yoo ta’u; tiraansifoormaroota raabsaa duraan ture kuma1 fi 579 irratti hojiin dandeettii fooyyessuu hojjetamuu isaa beeksisaniiru.

Sababoota addaan citinsa humna elektiriikiif ta’an qorannoon adda baasuu fi tarkaanfii fudhachuu dabalatee, sararoota dullooman deebisanii ijaaruu, dandeettii dabaluu fi fooyyessuu akkasumas giriidii guddaa fi filannoo annisaa aduutiin bu’uura-misooma elektiriikii haaraa baasii guddaadhaan ijaaraa akka jiru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015