Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa kan jalqabaa Finfinneetti

Ebla 29/2018 (ENA)- Afriikaa isheen dhugaan maal akka fakkaattu addunyaaf beeksisuu fi seenessa dijitaalaa abbummaan gaggeessuuf kan kaayyeffate yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa kan jalqabaa (ASMIS 2026) har’aa fi boru Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama.

Biyyoota Afriikaa 30 caalanirraa kan walitti dhufan dhiibbaa uumtonni 61 yaa’ii kanarratti kan argaman yoo ta’u namoonni kunneen walumaa gala hordoftoota miiliyoona 321 ta’an qabu.

Dhiibbaa uumtonni kunneen Finfinnee galaniiru.

Kanneen malees Itiyoophiyaanonni qabiyyee uuman 120 kan hordoftoota miiliyoona 150 qaban walitti dhufuun, wiirtuu dippilomaasii Afriikaa kan taate Finfinneetti seenaa dijitaalaa barreessuuf qophaa’aniiru.

Yaa’ii kana miidiyaa palsi oof Afriikaa(POA) fi Intarpiraayizii ‘AGA -tech’ tu waliin ta’uun qopheesse.

Yaa’iin wiirtuu dippilomaasii Afriikaa Finfinneetti gaggeeffamu kun carraa egeree dijitaala Afriikaa deebisuun bocuuf kan akeekamedha.

Yaa’iin kun dhiibbaa uumtonni Afriikaarraa kan itti wal gahan, waa’ee isaanii fi Afriikaa kan itti dubbatan, akkasumas waa’ee qabiyyee uumuu fi gufuuwwan isaan mudatu irratti ni mari’atu.

Kun ammoodhiibbaa uumtota waltajjii tokkorratti walitti fiduuf carraa guddaa uumeera.

Hubannoo nam-tolchee(AI)tti fayyadamuun haala qabiyyee uumuu egeree, maqaa gaarii Afriikaa guddisuu fi dhiibbaa dijitaalaa ajandaa gamtaa Afriikaa 2063 waliin wal simsiisuu kan jedhanirratti mariin paanaalii sadarkaa olaanaa sadii ni gaggeeffamu.

Yaa’iin kun agabaasa “rakkoorratti bu’ureffate” seenaawwan guddina Afriikaa isa dhugaan bakka buusuuf kan akeekkame tarkaanfii tarsiimawaa ta’uun himameera.

Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa tuurizimii Itiyoophiyaa haala olaanaan beeksisuuf carraa bal’aa qaba.

Bu’aawwan qabiyyee kun maqaa gaarii Afriikaa Afriikaanotatti agarsiisuu ni danda’u.

Yaa’iin kun yaadannoo injifannoo Adwaatti kan eegalu yoo ta’u, yeroo ammaa ijji hordoftoota dijitaalaa miiliyoona 470 caalu Finfinneerra jiru.

Kunis Afriikaan seenaashee ofumasheetiin seenessuu kan itti eegalte agarsiiftuu jabana haaraa ta’eera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015