Tamsaasa Kallatti:

Hojiin ijaarsa Hambaalee misooma biyyaalessaa fi guddina dinagdee keessatti qaban guddisuuf hojjetaman cimanii itti fufu

Ebla 28/2018 (ENA): Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa gumaacha hambaalee aadaa fi uumamaa biyyattiin guddina biyyaalessaa fi guddina dinagdee keessatti qaban guddisuuf hojiiwwan hojjetaman cimsuu itti fufuu akka qaban beeksise.
Abbaan Taayitaa Hambaalee Itiyoophiyaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa waliin ta’uun Guyyaa Hambaalee Idiladdunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 4ffaafi waggaa 2ffaan galmee Dhaabbata Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)tti galmaa'uu qabeenya hambaalee Baalciifi Malkaa Qunxurree kabajameera.
Sirni kuni Oromiyaa, Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Qarsaa Maallimaa, Magaalaa Awaash Malkaatti kabajameera.
De'eetaan Ministira Turizimii Silashii Girmaa akka himanitti, Ayyaana kana akka biyyaatti kabajuun barbaachisummaa hambaa seenaa, aadaa fi uumamaa guddina biyyaa fi guddina dinagdeef hubannoo uumuuf gargaara jedhani.
Itti dabaluunis, dhaabbilee idil-addunyaa kunuunsa hambaa irratti tumsa guddisuu fi cimsuuf qorannoo fi qo’annoo hambaalee irratti gaggeeffamuuf carraa ni uuma jedhaniiru.

 
Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa obbo Deerara Katamaa gama isaaniin, Arkiyooloojii fi palelintooloojiin argannoowwan Malkaa Qunxurree keessatti argaman Itiyoophiyaan bakka madda argama dhala namaa fi madda qaroomina addunyaa ta’uu ifatti agarsiisa jedhani.
Bakki kun hambaa bineensotaa, ashaaraa miila namaa durii, ragaa qaroomina bara dhagaa irraa eegalee waan of keessaa qabuuf adda ta’uu kan ibsan obbo Daraaraan, Gol- Hambichi sadarkaa idil-addunyaatti galmaa’uu kan danda’e xiyyeeffannoo addaa mootummaan hambaaleef kenne irraa kan ka’e ta’uu yaadachiisaniiru.

Qaamoleen dhimmi ilaallatuu fi hawaasni guutuun iddoowwan hambaawwan kana tiksuu fi kunuunsuun, madda badhaadhina biyyaalessaa fi madda dhaloota egeree ta’uu akka danda’aniif itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an waamichi dhiyeessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015