Seenaa Afriikaa isa sirrii addunyaaf beeksisuuf tumsi cimaan dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Ardichaa barbaachisaadha - ENA Afaan Oromoo
Seenaa Afriikaa isa sirrii addunyaaf beeksisuuf tumsi cimaan dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Ardichaa barbaachisaadha
Ebla 28/2018 (ENA)- Seenaa Afriikaa isa sirrii hawaasa addunyaaf beeksisuuf tumsi cimaan dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Ardichaa barbaachisaa ta’uu uumtonni qabiyyee dijitaalaa Senegaalii fi Beeniin ibsan.
Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Palsi Oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA)’n Intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e (AGA-Tech) waliin ta’uun qophaa’e Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama.
Yaa’iin kun Ebla 29 amma 30 bara 2018tti mata duree “dhiibbaa uumtonni, Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti kan gaggeeffamu waltajjii Ardii Afriikaati.
Waltajjiin dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Ardichaa, kanneen imaammata baasan, diyaasporaawwanii fi damee dhuunfaarratti kan hojjetan tumsa yeroo dheeraa itti uuman kun seenessa Afriikaa isa sirrii ta’e addunyaaf beeksisuuf kaayyeffateera.
Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Ardichaa yaa’icharratti hirmaatan kallattiiwwan ardichaa arfanirraa Finfinnee seenaa jiru.
Hirmaattota keessaa qabiyyee uumaan lammii Senegaal Jawu Kechun fi dhiibbaa uumtuun dijitaalaa lammiin Beeniin Rejii Boyizar, yaa’iin kun hariiroo uumuu fi muuxannoo wal jijjiiruuf waltajjii murteessaadha jedhaniiru.
Qabiyyee uumaan lammii Senegaal Jawu Kechun, yaa’iin kun carraawwan teeknooloojii, aadaa, daldalaa fi Invastimantii Afriikaa addunyaaf beeksisuuf faayidaa daangaa qaxxaamuru akka qabu ibseera.
Yaa’iin dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa Itiyoophiyaa yeroo jalqabaaf akkan daawwadhu carraa uumuudhaan sagaleewwan dijitaalaa Afriikaa walitti fiduun muuxannoo wal jijjiiruuf akka gargaaru dubbateera.
Yeroo jlaqabaaf Itiyoophiyaa dhufuunsaa aadaa fi carraalee biyyattii ilaaluun walitti hidhaminsa qabiyyee uumtota Ardichaa akka gabbisu kaaseera.
Simannaa guddaa Finfinneetti isaaf godhameefis galateeffateera.
Dhiibbaa dijitaalaa uumtuun lammii Beeniin Rejii Boyizar gamasheetiin, yaa’iin Itiyoophiyaan qopheessite dirree dijitaalaa Afriikaa keessatti qooda fudhattoota ijoo kan walitti fidu kaka’umsa Ardichaa isa murteessaa ta’uu ibsiteetti.
Yaa’iin kun qabiyyee dijitaalaa uumtota olaanoo, imaammata baaftotaa fi miidiyaalee kan walitti fidu ta’uusaa dubbatteetti.
Sirna hariiroo seenessa Afriikaa isa dhugaa hawaasa addunyaaf beeksisuuf gargaaru uumuufis faayidaa guddaa akka qabaatus kaafteetti.
Taateen kun Finfinneen wiirtuu mariiwwan carraa egeree dijitaala Afriikaa bocan ishee taasisa.