Abbootiin Amantaa fi Hoggantoonni hojii Ministeera Nageenyaa Eksipoon "Itiyoophiyaan Haa Omshistuu" Daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Abbootiin Amantaa fi Hoggantoonni hojii Ministeera Nageenyaa Eksipoon "Itiyoophiyaan Haa Omshistuu" Daawwatan
Ebila 28/2018 (ENA): Abbootiin Amantaafi hooggantoonni hojii Ministeera Nageenyaa Ekispoo mata-duree “Itiyoophiyaan Haa omshstu birmadummaa Maraaf” jedhuun gaggeeffamaa jiru daawwataniiru.
Minstirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad sochiifi eksipoo "Itiyoophiyaan Haa omshistuu" 4ffaa Ebila 25 hanga 30 bara 2018tti turu eebbisuun banuun isaanii ni beekama.
Ministeerri Industirii Malaakuu Allabaliifi hooggantoonni olaanoon dhaabbatichaa keessummoota daawwannaa dhufan simachuun, bu’aalee industirii omishtootaa eksipoon dhiyaataniifi milkaa’ina sochichaan galmeeffaman daawwachiisaniiru.
Eksipoo kana irratti omishtoonni dameelee garaa garaa irratti bobba’an oomishaalee isaanii dhiyeessaniiru.