Yuunivarsiitichi Rakkoolee Fayyaa Hawaasaaf furmaata kan fidaniifi qorannoowwan adda addaa gaggeessaa jira - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitichi Rakkoolee Fayyaa Hawaasaaf furmaata kan fidaniifi qorannoowwan adda addaa gaggeessaa jira
Ebla 28/2018(ENA): Yunivarsiitiin Arsii hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, rakkoolee fayyaa hawaasa naannichaaf furmaata kan fidan qorannoowwan adda addaa gaggeessaa akka jiru beeksise.
Hospitaalonni Yuunivarsiiticha jala jiranis hawaasa naannichaatiif tajaajila wal’aansaa saffisaa ta’e dhiheessaa akka jiran ibsameera.
Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Doktar Fiqaaduu Mitikkuu ENAtti akka himanitti, Yuunivarsiitichi rakkoolee fayyaa hawaasa naannichaaf furmaata kan fidan qorannoowwan adda addaa gaggeessaa jira jedhani.
Yuunivarsitichi Fayyaa, Qonna, Injiinariingii fi teeknoolojii dijiitaalaa irratti yaada qofa osoo hin taane, barnoota gocha irratti xiyyeeffate kennaa jiraachuu isaas dubbataniiru.
Hojii qorannoof xiyyeeffannoo kennameen, keessattuu rakkoolee fayyaa naannichatti mul’atan adda baasuun furmaata dhiheessuu bira darbee, fayyaa sammuu, kaansarii qoonqoo, akkasumas fayyaa haadholii fi daa’immanii irratti qorannoowwan gad fageenya qaban gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.
Yuunivarsiitichi Hospitaala Riferaala Asaallaa jala jiru malees, Hospitaala Haadholii fi Daa’immanii haaraa ijaarsise waggaa kana keessa tajaajila eegaluusaa himaniiru.
Yeroo ammaa kanatti tajaajila wal’aansaa Hospitaalota keessatti kennamu sirna dijitaalaatiin deeggaruun akka danda'ame ibaniiru.
Barattoonni damee fayyaa Yuunivarsiitichaa barnoota gochaan deeggarame hordofuufi qorannoowwan adda addaa gaggeessuuf hospitaalota sana keessatti shoora olaanaa akka taphatan dubbataniiru.
Daayirektarri Hospitaala Haadholiifi Daa’immanii Yuunivarsiitichaafi Ispeeshaalistiin baqaqsanii Wal’aanuu Doktar Jamaal Rashaad, Hospitaalichi Tajaajila fayyaa haadhotii fi daa’immanii guutummaatti kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu tajaajila wal’aansa gadameessaa fi deessisuu, akkasumas talaallii daa’immanii fi wal’aansa daa’imman reefu dhalatanii haala gaariin kennamaa akka jiru beeksisaniiru.
Hospitaalichi sireewwan 200 akka qabu eeranii, isaan keessaa 70 kan ta’an tajaajila wal’aansa daa’imman reefu dhalataniif oolaa jiraachuu dubbataniiru.
Hospitaalichi erga tajaajila jalqabee asitti giddu galeessaan guyyaatti haadholii 15’f tajaajila deessisuu fi baqaqsanii wal’aanuu kennaa jiraachuu himaniiru.
Hospitaalichi tajaajila haadholii fi daa’immanii malees, tajaajiloota biroo haala ammayyaatiin kennaa akka jiru eeraniiru.