Tamsaasa Kallatti:

Fedhii bu'uuraa lammiilee guutuun hojii mootummaa isa jalqabaa ta’ee itti fufa - Pireesidaanti Ordiin Badrii

Ebla 28/2018 (ENA): Mootummaan nageenya hawaasummaa fi dinagdee ummataa mirkaneessuuf pirojektoota fedhii bu’uuraa uummataa guutan eegale cimsee itti fufa jedhan Pireesidaantiin bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii.
Naannoo Harariitti lammiilee harka qalleeyyiif manneen 12 Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbilee dhimmi ilaallatuun ijaaramanii xumuraman wal harkaa fuudhinsi taasifameera.

 
Manneen 12 yeroo tajaajila tola ooltummaa Gannaa lammiilee harka qalleeyyii ta’anii humna hin qabneef ijaaraman, guyyaa har'aa bakka pireesidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii obbo Ordiin Badirii fi Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa argamanitti eebbifamaniiru.
Ijaarsichi xumuramuun haala jireenyaa lammiilee fooyyessuuf tattaaffii taasifamu keessatti gahee olaanaa akka qabus ibsameera.
Mootummaan sadarkaa jireenyaa ummataa fooyyessuu fi fayyadamummaa uummataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf jalqabbii misoomaa eegale hojiirra oolchuu kan itti fufus ta’uu mirkaneessaniiru.
Hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa yeroo Gannaa lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’an deeggaruun xiyyeeffannoon addaa akka kennamu hubachiisaniiru.

 
Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii, Dr. Ballaxaa Mollaa akka ibsanitti, ministeerri isaanii fi dhaabbileen dhimmi ilaallatu hojiiwwan misoomaa namoota irratti xiyyeeffatanii fi nageenya lammiilee guddisan hedduu hojjetaniiru.
Hojiin tajaajila tola ooltummaa rakkoo namoota saaxilamoo ta’anii fi gareewwan biroo rakkatan salphisuun itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin tajaajila tola ooltummaa aadaa walgargaarsaa fi wal deeggaruu qofa osoo hin taane, lammiileen mana jireenyaa qulqulluu fi naannoo jireenyaa mijataa akka argatan kan taasisu ta’uus himaniiru.
Ministeerichi harka qalleeyyiif manneen 12 tilmaamaan birrii miiliyoona 28’n ijaaruun meeshaalee barbaachisoo ta’an dhiyeessuun gahee isaa ba’uu hubachiisaniiru.

 
Akkasumas, saamunaa dhangala’aa fi maashian daabboo oomishu, akkasumas horsiisa lukkuuf kan gargaaruufi carraa hojii uumuuf kan gargaaru ijaarsi dabalataa hojjetamuu himaniiru.

Sagantaa kanarratti hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo, jiraattotaa fi keessummoonni biroos argamaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015