Tattaaffiin birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf eegalle bu’aa guddaa agarsiisuun itti fufeera-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Tattaaffiin birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf eegalle bu’aa guddaa agarsiisuun itti fufeera-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Ebla 28/2018 (ENA)- Tattaaffiin birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf eegalle bu’aa guddaa galmeessisuun itti fufuusaa Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad guyyaa har’aa naannoo Oromiyaa godina Shawaa kaabaa aanaa Sulultaatti argamuun oyiruu Qamadii daawwataniiru.
Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tattaaffiin eegalle bu’aa guddaa agarsiisaa itti fufeera jedhaniiru.
Guyyaa har’aa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Sulultaatti Qamadii lafa hektaara 2,150 irratti misoome irra deemuun ilaaluusaanii ibsaniiru.