Tamsaasa Kallatti:

Naannichatti galma Inisheetivii Bunaa milkeessuuf sanyii buna fooya’aa babal’isuun xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Ebla 28/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaatti oomishaa fi oomishtummaa Bunaa guddisuuf sanyiiwwan Bunaa oomisha fooyya'aa kennan qonnaan bultootaaf dhiyeessaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Muhaammadsaanii Amiin ENA’f akka ibsanitti, Naannicha keessatti oomishtummaa Bunaa guddisuuf bifa addaatiin biqiltuuwwan Bunaa sanyii fooyya’oo qabanii fi oomisha guddaa kennan bal’inaan qonnaan bultootaan gahaa jira jedhaniiru.

Bara kana biqiltuuwwan Bunaa ga’aa ta’an qophaa’uusaa ibsuun yeroo ammaa Naannoolee godinichaatti rooba Arfaasaatti fayyadamanitti biqiltuun dhaabamaa jira jedhaniiru.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu bara Kanaatiin lafa hektaara kuma 200 olirra biqiltuu dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Omishaa fi Oomishtummaa mirkaneessuuf dhaabbiin biqiltuu mala saayinsaawaan akka gaggeeffamuuf ogeeyyii fi qonnaan bultootaaf leenjiin barbaachisaa ta’e kennameera.

Itti Aanaan Hogganaa Biirichaa Obbo Muhaammadsaanii Amiin ENA’f akka ibsanitti, naannichatti Omishtummaa bunaa fooyyessuuf biqiltuuwwan sanyii fooyya’aa kennan qonnaan bulaaf hedduuminaan dhihaachaa jira.

Omishaa fi Omishtummaa Bunaa guddisuuf kallattiin xiyyeeffannoo sanyii Bunaa qorannoon fooya’an qonnaan bulaaf bal’inaan dhiheessuudha jedhaniiru.

Hanga ammaatti Buna dulloome buqqisuun lafa hektaara kuma 66 irratti sanyii fooyya’aan bakka buufamuu dubbataniiru.

Hojii buna dulloome gamashuu lafa hektaara kuma120 ol irratti hojjetamuun danda’ameera.

Naannichatti barana oomishni Bunaa kuntaala miiliyoona 16 walitti qabamuu ibsuun, ji’ootan saglan darban keessatti Bunni toonnii kuma 251 gabaa giddu-galeessaaf dhihaachuu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015