Gaazexeessaan EBC duraanii Abdii Kamaal du’aan addunyaa kanarraa boqote - ENA Afaan Oromoo
Gaazexeessaan EBC duraanii Abdii Kamaal du’aan addunyaa kanarraa boqote
Ebla 27/2018(ENA): Gaazexeessaan EBC duraanii Abdii Kamaal addunyaa kanarraa du’aan boqoteera. Sirni awwaalcha isaas har’a raawwatameera.
Gaazexeessaa Abdii Kamaal waggoota hedduuf Korporeeshinii Biroodkaastii Itiyoophiyaa (EBC) keessatti kutaalee hojii garaa garaa keessatti tajaajilaa tureera.
Gaazexeessaan kun turtii isaa kanaan rippoorteraa kaasee hanga qopheessaa olaanaatti gahuun ogummaa isaatiin gumaacha guddaa taasiseera.
Gaazexeessaa Abdii Kamaal wal’aanamaa erga turee booda, har’a ganama addunyaa kanarraa du’aan boqochuu isaa fi sirni awwaalcha isaas Kolfeetti raawwatamuu isaa EBC’n gabaaseera.
Gaazexeessaa Abdii Kamaal bultoo kan horatee fi abbaa ijoollee sadii ture.
ENA’n du’a gaazexeessaa Abdii Kamaalitti gadda itti dhaga’ame ibsaa, firoottan, maatii fi hiriyoota ogummaa isaatiif jajjabina hawweera.