Tamsaasa Kallatti:

Hiyyummaa fi Duubatti Haftummaa Qabsaa'anii Mo'achuu fi Tokkummaa biyyaatiif hirriba dhabuun gootummaa barichi gaafatudha

Ebla 27/2018(ENA): Hiyyummaa fi duubatti hafummaa qabsaa'anii mo'achuu fi tokkummaa biyyaatiif eegumsa gochuun gootummaa barichi gaafatu ta'uu Pireezidantiin Waldaa Gootota Itiyoophiyaa Durii Lij Daani'eel Jootee Masfin ibsan.

Ayyaanni Injifannoo waggaa 85ffaan Finfinnee naannoo Araat Kiilootti Addabaabaayii siidaa yaadannoo injifannootti kabajameera.

Ayyaanicha irratti Pireezidanti Taayye Atsiqasillaasee, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee, miseensota dippilomaasii akkasumas abbootii fi haadholiin goototaa argamaniiru.

Pireezidantiin Waldaa Gootota Itiyoophiyaa Durii Lij Daani'eel Jootee Masfin yeroo kanatti akka dubbatanitti; gootonni waggaa 85 dura aarsaa kaffalanii biyya birmadummaan ishee eegamte nu dhaalchisaniiru.

Waggaa 85 dura waggoota shaniif Gootota hadhaa’aa gidiraa dhugaanii biyya kan oolchaniif galatni, jaalallii fi kabajni ni malaaf jedhaniiru.

Har'as biyyattiin Gootota yeroo ammaa, kanneen hiyyummaa fi duubatti hafummaarratti qabsawaanii mo'atan, kanneen misoomaa akkasumas tokkummaa biyyaa fi jaalala uummataatiif hirriba dhaban ishee barbaachisu jedhaniiru.

Hiyyummaa fi duubatti hafummaa qabsa'anii mo'achuu fi tokkummaa biyyaatiif dhaabbachuun gootummaa barichaa ta'uu dubbataniiru.

Seenaa biyyatti keessatti haaraa kan ta'e, rakkoolee mariin hiikuuf carraa dhiyaate, kan akka Marii Biyyaalessaa kanatti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Dhimmi gaaffii hulaa galaanaa argachuu, dhimma jiraachuu fi mirgaa ta'uu isaa hubachuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Abbootiin keenya diina waliin kan wal’aansoo qabaa turan faayidaa dhuunfaa isaaniitiif osoo hin taane, bilisummaa fi birmadummaa biyyaatiif ta'uu yaadachiisuun, dhalootni har'aas seenaa beekee eeguu akka qabu dhaamaniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015