Tamsaasa Kallatti:

Babal’inni Industirii carraa hojii fi ce’umsa Teekinooloojiin fayyadamoo nu taasiseera

Ebla 27/2018(ENA): Babal’inni industiriiwwan naannoo Harariitti taasifamaa jiru, lammiilee hedduuf carraa hojii bal'aa uumuu bira darbee, ce’umsa teeknooloojii fi dagaagina dandeettiitiin fayyadamoo akka isaan taasise fayyadamtoonni carraa kanaa ibsan.

Naannoon Hararii seenaa fi bakkeewwan hawwata Turizimiitiin kan beekamtu taatus, waggoottan dhihootiin asitti sochii dinagdee naannichaa jabeessuuf misooma industirii irratti xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jira.

Keessattuu, sochii "Itiyoophiyaan haa omishtu" jedhu kan mootummaan oomishtummaa industiriiwwanii dabaluu fi sharafa alaa oolchuuf eegale naannicha keessatti bu'aa fiduu jalqabeera.

Naannichi babal’ina bu’uuraalee misoomaa invastimantiif mijatoo ta’an cimsuun, Waarshaaleen haaraan gara hojiitti akka seenanii fi warri duraan jiran ammoo dandeettii isaanii guutuun akka oomishan carraaqqiin taasisaa jiru carraa hojii uumuu qofa osoo hin taane, aadaa industirii fi beekumsa teeknooloojii naannicha keessatti akka idilaa’u taasisaa jira.

Dargaggoo Farahaan Tawuufiiq dhalataa Magaalaa Harar yoo ta'u, zoonii Industirii Magaalichaa keessatti Industiirii 'Maas-Injiinaringi Interpiraayizii' keessatti ofiisaa fi hiriyoonni isaa dameewwan ogummaa adda addaatiin carraan hojii akka uumameef dubbateera.

Obbo Nasradiin Ahmad gama isaaniitiin, damee sibiilaa irratti Magaalaa keessatti gara hojiitti seenuun carraa hojii industirii irraa argataniin fayyadamoo akka ta’an ibsaniiru.

Durbee Eden Fissahaa ammoo Waarshaa daakuu keessatti carraa hojii argachuun ofii fi maatii ishee gargaaraa akka jirtu ibsiteetti.

Harar keessatti sochiin industirii dammaqinaan jiraachuun isaa warra hojii barbaadaniifis gumaacha guddaa gochaa akka jiru dubbatteetti. Kana malees, muuxannoo fi hojmaata fooyya’aa barachaa akka jiran ibsuun, abbootii qabeenyaa waarshaatiif galata galchiteetti.

Itti fufuun, hojiigaggeessaan Waarshaa Daakuu Qananii obbo Tasfaa Asfaawuu, Waarshaan isaanii lammiilee 120 ta’aniif carraa hojii uumuusaa ibsaniiru.

Waarshichi yeroo ammaa daakuu qamadii duraan biyya alaatii galaa ture biyya keessatti oomishuun naannichaaf raabsaa akka jiru eeranii, gara fuulduraatti ammoo paastaa, makooronii fi omishoota biroo oomishuuf qophaa’aa akka jiru dubbataniiru.

Gama biraatiin, Hoogganaan Biiroo Misooma Interpiraayizootaa fi Industirii Naannoo Hararii obbo Usmaa’il Yuusuf, naannichatti industiriiwwan giddu-galeessaa fi gurguddoo haaraa fi warra duraan jiran gara hojiitti galchuun, omishoota biyya alaa bakka bu’an bal’inaan oomishuu irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu himani.

Keessattuu, industiriiwwan gurguddoon dinagdee naannichaa caalaatti guddisanii fi carraa hojii bal’isanis ijaarsi isaanii xumuramee, maashinariwwan galchuun hojiin gara oomishtummaatti ceessisuu raawwatamaa akka jiru dubbataniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015