Tamsaasa Kallatti:

Ebilli 27 guyyaa bilisummaa qofa osoo hin taane, guyyaa kutannoo dhaloonni dargaggeessaa kabajaan biyya isaa itti fufsiisudha- Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa

Ebla 27/2018 (ENA): Ebilli 27 guyyaa bilisummaa qofa osoo hin taane, dhaloonni dargaggeessaa kabajaan biyyattii gara fulduraatti itti adeemsisu harka galfatudha jedhe Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa.
Guyyaa Injifannoo Goototaa 85ffaa ilaalchisee dhaamsi Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa dabarse akka armaan gadiitti dhiyaateera:
Ebilli 27 yaadannoo kaleessaa yeroo kuusaan seenaa banamee dubbifamu qofa miti
Ebilli 27 yaadannoo kaleessaa yeroo kuusaan seenaa banamee nuuf dubbifamu qofa osoo hin taane; Hafuura injifannoo abbootii fi haadholii keenya gootota akka qalamaatti fayyadamnee seenaa keessatti boqonnaa haaraa barreessuu jalqabneerra! Ebilli 27 guyyaa bilisummaa qofa osoo hin taane, guyyaa kutannoo dhaloonni dargaggeessaa dafqee waan hunda isaa kennee kabajaan biyya itti fufsiisudha.
Waggaa 85 dura abbootiin keenya dhiigaa fi lafee isaaniitiin biyya tiksuuf dirqama seenaa qaban milkaa’inaan bahaniiru. Har’a boqonnaan seenaa jijjiiramee dabareen kan keenya ta’eera; beekumsa, dafqaa fi hojii keenyaan, jaalala biyyaa yeroo sanaatiin biyya isaan eegan ijaaruuf itti gaafatamummaa qabna.
Abbootiin qawweedhaan biyya tiksan; nutimmoo teeknooloojiin biyya ijaarra. Abbootiin daangaa eegaa turan; nutimmoo hiyyummaa irra aanuun badhaadhina mirkaneessina. Abbootiin bilisummaaf kufan; nutis akkuma isaanii guddummaaf dhaabbanna. Kun dabaree dhalootaati.
Osoo eegumsi abbootii hin juru ta’ee, biyyi har’a ijaaraa jirru hin jirtu; Nu malee biyyi abbootiin keenya ijaaran lammii isheef jireenya hiika qabu kennuu hin dandeessu.
Kadhaa Qamadii irraa bilisoomnee kan addunyaan ajaa’ibsiifatte biqiloota biliyoona 48 dhaabuu kan dandeenye mudhii keenya hidhannee jabaannee waan hojjenneefidha.
Anniisaa haaromfamuuf bu'uura kaa'aa jirra; wiirtuu aviyeeshinii Afrikaa guddicha ijaaraa jirra; sababni isaas itti gaafatamummaa biyya fuulduratti tarkaanfachiisuuf qabna!
Kanaaf guyyaa seena qabeessa kana lammiin kamiyyuu Goota yeroo isaa ta’uun, damee hojii irratti bobba’e hundaan biyya isaatiif ashaaraa kaa’uun irraa eegama.
Hojiin misoomaa har’a gaggeessaa jirru, tokkummaa cimaan nuti agarsiisaa jirru, pirojektoonni biyyaalessaa gurguddaan xumuraa jirru kun, ibsa kabajaa guddaa fi deebii seenaa abbootii biyya keenya tikfataniif kenninudha.
Kabajni abbootii biyya tiksanii asiin gahaniif!
Ijoollee ciminaan biyya ijaaraa jiraniif!
Itiyoophiyaan dafqa keenyaan guddoo taati!
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015