Siidaan Yaadannoo Artisti Xilaahun Gassasaa eebbifame - ENA Afaan Oromoo
Siidaan Yaadannoo Artisti Xilaahun Gassasaa eebbifame
Ebla27/2018(ENA): Kaantibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee siidaa yaadannoo Artistii Xilaahuun Gassasaa Sidist Kiilootti ijaarame eebbisaniiru.
Sirna eebba kana irratti Hoggantoonni Mootummaa Olaanoon, Maatiin aartistootaa , Artistoonni Angafaa fi dargaggoonni, akkasumas dinqisiifattoonni isaa hedduun argamaniiru.
Siidaan yaadannoo kun gahee guddaa Artisti Xilaahuun Gassasaa seenaa muuziqaa amayyaa Itiyoophiyaa keessatti qabuufi gumaacha hin dagatamne waggoota kurnan hedduuf taasise kan yaadachiisudha.
Artisti Xilaahuun Gassasaa "Mootii Muuziqaa Itiyoophiyaa" jedhamuun kan beekamu yoo ta'u, hojiiwwan isaa 400 ol ta'an Aadaa, Jaalalaafi duudhaalee Hawaasummaa biyyattii kan eeganidha.
Artisti Xilaahuun Gassasaa muuziqaa Itiyoophiyaa aadaa irraa gara amayyaatti ceesisuun keessatti akka qabsaa’aa jalqabaatti eerama.
Keessattuu dandeettiin isaa addaa sagalee isaa akka meeshaatti fayyadamuu dhaloota weellistoota hedduutiif akka Mana Barumsaatti tajaajilaa jira.
Siidaan Sidist Kiilotti dhaabbate kun, aarsaa artistichi ogummaafi biyya isaatiif kaffale dhalootaaf dabarsuun olittis, kabaja ogeeyyii Aartiif kennamu kan agarsiisudha.
Artisti Xilaahuun Gassasaaf Yuunivarsitii Finfinnee irraa Doktireetiin Kabajaa akka kennameef ni yaadatama.
Yuunivarsitichi beekamtii kana kan kenne gumaacha olaanaa artistichi guddina Muuziqaa Itiyoophiyaatiif taasiseefi kutannoo inni karaa Aartiin biyya isaa tajaajiluuf agarsiiseefidha.
Artistichi Fulbaana 17 bara 1933 dhalatee, Ebla 11 bara 2001 addunyaa kanarraa du’aan boqochuun isaa ni yaadatama.