Gootummaan dhaloota har'aa biyya hiyyummaa fi boodatti hafummaa irraa oolchuudha – Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Gootummaan dhaloota har'aa biyya hiyyummaa fi boodatti hafummaa irraa oolchuudha – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Ebla 27/2018(ENA): Gootummaan dhaloota har'aa biyya hiyyummaa fi boodatti hafummaa irraa oolchuu ta'uu Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee ibsan.
Ayyaanni Injifannoo Goototaa waggaa 85ffaan Addabaabayii Siidaa Injifannoo Finfinnee Araat Kiilootti argamutti kabajameera.
Ayyaanicha irratti Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee dabalatee abbootiin fi haadholiin Goototaa duraanii argamaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee yeroo sanatti akka ibsanitti, weerartuun Faashistii meeshaa waraanaa fi qophii guddaadhaan yoo dhufullee, abbootiin fi haadholiin Gootonni keenya onnee sibiila irra jabaatuu fi jaalala biyyaa guddaa waan qabaniif, biyya birmadummaa qabdu nuuf dabarsuu danda'aniiru jedhani.
Seenaan baratti ce’u kun yeroo mara yaadatamaa fi kabajamaa deemuu akka qabus dhaamaniiru.
Mootummaan 'Ida'amuu' aarsaa biyyaaf kaffalameef kabaja addaa akka kennu ibsuun, dhalootni har'aas seenaa gootummaa mataa isaa irra deebi’ee hojjechuu akka qabu wamicha dhiheessaniiru.
"Gootummaan dhaloota har'aa biyya hiyyummaa fi boodatti hafummaa irraa oolchuudha" kan jedhan kantiibaan kun hulaa galaanaa karaa sirrii hin taaneen dhabne deebisanii argachuun Gootummaa dhaloota kanaa ta'uu xiyyeeffannoo kennanii dubbataniiru.
Ayyaanichi imala nageenyaa fi badhaadhina biyya keenyaa galmaan ga'uuf kan waadaa itti galamu ta'uu akka qabu ibsuun, tokkoon tokkoo lammiilee goota misoomaa fi nageenyaa akka ta'u waamicha dabarsaniiru.