Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan baroota dheeraaf sodaatamtee fi kabajamtee kan jiraatte, warra ishee weeraruuf yaalan kan jilbeeffachiftee fi galmee seenaa injifannoo kan qabdudha - Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Ebla 27/2018(ENA): Itiyoophiyaan baroota dheeraaf sodaatamtee fi kabajamtee kan jiraatte, warra ishee weeraruuf yaalan kan jilbeeffachiiftee fi galmee seenaa injifannoo kan qabdudha jedhani Itti Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.

Itti Aanaan Ministira Muummee Ayyaana injifannoo Goototaa waggaa 85ffaatiif ergaa baga ittiin isin ga’ee dabarsaniiru.

Ergaan baga ittiin isin ga'ee Itti Aanaa Ministira Muummee akka armaan gadiitti dhiyaateera:

Baga ayyaana Injifannoo Goototaa waggaa 85ffaatiin isin ga’e!

Itiyoophiyaan baroota dheeraaf sodaatamtee fi kabajamtee kan jiraatte, warra ishee weeraruuf yaalan kan jilbeeffachiiftee galmee seenaa injifannoo kan qabdudha.

Kun kan ta’eef immoo, ijoollee Gootota bilisummaa isaanii waan tokkoonillee hin jijjiirree fi kabaja biyya isaaniitiif lubbuu isaanii hin qusanne waan qabduufi.

Waggaa 85 dura Gootonni keenya abbootii keenya durii birmadummaa Itiyoophiyaatiif waggoota shanan guutuu bosonaa fi hallayyaa keessatti qabsaa'anii, dhiiga isaanii dhangalaasanii fi lafee isaanii cabsuun biyya cimsanii nuuf tursiisaniiru.

Qilleensi bilisummaa nuti har'a hargannu bu'aa cichooma abbootii seenaa gurguddoo sanaati.

Gootonni keenya seenaa kan hojjetan baanda keessaa fi diina alaa mo’achuun.  Nutis ijoollee abbootii keenyaa waan taaneef, ammas injifannoo sana irra deebinee ni hojjanna.

Har'a hiikni Gootummaa gama hedduun ta'eera. Gootummaan bara kanaa hojiidhaan carraaquu fi beekumsaan geggeeffamuu, seenaa hiyyummaa jijjiiruuf kutannoodhaan ka'uu fi Itiyoophiyaa boruu fooyya'aadhaaf dafqaan ijaaruudha.

Dhaloonni kun seenaa abbootii fi haadholii isaa dinqisiifachuu qofa osoo hin taane, seenaa haaraa mataa isaa hojjechuutu irraa eegama.

Amma hiyyummaa fi boodatti hafummaa irratti duulleerra gootummaa hojiitiinis isaan mo’achaa jirra.

Kanaafuu, damee Siyaasaa, Dinagdee, Hawaasummaa fi dippiloomaasiitiin injifannoo itti fufsiisaa, humna ida’ameen Itiyoophiyaa gara olka’insa ol’aanaatti kan baasu goota bara kanaa ta’uu qabna.

Yaa Gootota Itiyoophiyaa! Waa'ee tokkummaa fi bilisummaa biyyaatiif aarsaa guddaa kaffaltaniif barabaraan isin galateeffanna!

Kabajni Gootota keenyaaf!

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015