Gootummaan har'aa qooda fudhattummaa guddinaa fi geggeessaa ammayyummaa ta'uudha - Pirezidaant Taayyee Atsiqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Gootummaan har'aa qooda fudhattummaa guddinaa fi geggeessaa ammayyummaa ta'uudha - Pirezidaant Taayyee Atsiqasillaasee
Ebla 27/2018(ENA): Ayyaanni Injifannoo waggaa 85ffaan Addabaabayii Siidaa Injifannoo Finfinnee Arat Kiilootti argamutti haala miidhageen kabajameera.
Pirezidaanti Taayyee Atsiqasillaasee yeroo kanatti akka dubbatanitti, guyyaan kun guyyaa guddicha Faashizimiin fi Naaziizimiin itti mo'ataman ta'uu ibsuun, guutuu uummata biyyattii fi Goototaaf baga ittiin isin ga'e ergaa jedhu dabarsaniiru.
Itiyoophiyaan ayyaana injifannoo kana kan kabajju obsaa fi qabsoo hadhaawaa gootota isheetiin ta'uu dubbataniiru.
Gootonni miilla qullaa fi hidhannoo isaanii hidhatanii humna weerartuu meeshaa waraanaa ammayyaa hidhate mo'achuun isaanii, humna tokkummaa addunyaatti kan agarsiisee fi ol'aantummaa Itiyoophiyaa waltajjii addunyaa irratti kan kabachiise ta'uu ibsaniiru.
Injifannoon kunis ilaalchi Faashistii lammata akka hin deebineef bu'uura kan kaa'e ta'uu ibsaniiru.
Hambaan guddaan abbootii fi haadholii gootota irra dhaalle nagaa, bilisummaa fi ofitti amanamummaa ta'uu kan eeran pirezidaantichi, gootummaan kennaa umurii tasgabbaa'aa dha jedhani.
Injifannoon seena qabeessi kun badhaadhina biyya keenyaa fi abdii fuulduraa keenyaaf bu'uura cimaa ta'uu xiyyeeffannoo kennanii dubbataniiru.
Tokkoon tokkoon lammiilee hubannoo fi fageessanii yaaduun biyya isaanii tajaajiluu akka qaban hubachiisuun, fedhiin uummata keenyaa guddachuu, qaroomuu fi ammayyaa’uudha jedhaniiru.
Akkasumas, gootummaan har'aa qoodafudhattoota guddinaa fi geggeessaa ammayyummaa ta'uu ibsuun, aarsaa biyyaaf kaffalame yaadachuun Itiyoophiyaa fooyyofteef hojjechuun akka barbaachisu dhaamaniiru.