Dr. Abiyyi Ahimad ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan - ENA Afaan Oromoo
Dr. Abiyyi Ahimad ergaa baga ittiin isin gahee dabarsan
Ebla 27/2018(ENA) : Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad Guyyaa yaadannoo Goototaa 85ffaa sababeeffachuun ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniiru.
Dr. Abiyyi karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka himanitti, baga guyyaa yaadannoo Gootota waggaa 85ffaan isin ga’e jedhani.
Ebli 27 guyyaa gootonni Itiyoophiyaa weerara faashiistii itti fashaleessanii fi birmadummaa Itiyoophiyaa guutummaatti itti kabachiisani dha jedhan.
Dr. Abiyyi Gootummaan biyyaaf gatii malee wareegama kaffalu, ofitummaa irraa bilisaan aarsaa ta’uudha jechuun ibsaniiru.
Kaayyoon isaas biyyaafi uummata kan giddugaleeffatedha jedhani.
Faayidaan dhuunfaanis ta’ee gareen addatti argamu hin jiru jechuun ibsani.
Birmadummaa fi kabaja biyyaaf argamu irraa qooda lammummaa bahachuu malee.
Goototni abbootii fi haadholiin faashistii kan waraanaan biyyaaafi lammii isaaniif jedhaniti jedhani.
Faayidaa dhuunfaa argachuuf gootummaa irraa baandummaan karaa gabaabaa ture jedhan.
Garuu isaan kana hin goone; qabsoon gootummaa isaanii diinota sadii waliin kan taasifame ture jechuun eeraniiru.
Goota biyyaalessaa jechuun diina sadeen kana lolanii injifachuu jechuudha. Jijjiiramnii fi guddinni har’a Itiyoophiyaa keessatti arginu kun kan danda’ame sababni Gootonni biyyaalessaa naannoo hunda keessa jiraachuu isaaniiti. Gootonni biyyaalessaa diina sadeen injifachaa jiraatanis hanga ammaatti guutummaa guutuutti injifachuu hin dandeenye.
Injifannoon kun akka Ebla 27 kan labsamu gaafa Itiyoophiyaan mallattoo badhaadhina Afrikaa taatudha. Itiyoophiyaan addunyaarraa yeroo biyyoota humna guddaa qaban keessaa tokko taatudha.
Injifannoo kana dhugoomsuuf gootonni biyaalessaa Itiyoophiyaa jaallatan hundi akka ka’an waamicha kooti jedhani.
Itiyoophiyaan carraaqqii ijoollee isheetiin kabajamtee bara baraan haa jiraattu!
Uumaan Itiyoophiyaa fi ummata ishee haa eebbisu!
Ebla 27/2018