Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan Injifannoo 85ffaan kabajamaa jira

Ebla 27/2018 (ENA): Guyyaan Injifannoo waggaa waggaan Ebla 27 kabajamu, Addabaabayii Siidaa Injifannoo Finfinnee Araat Kiilootti argamutti kabajamaa jira.
Ayyaana kana irratti abbootii fi haadholii dabalatee,Pireezidaantiin Rippabiliika Federaalaa Dimokiraata Itiyoophiyaa Taayyee Asqasillaasee fi Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee argamaniiru.
Guyyaa kanaan wal qabatee Pireezidaantiin Rippabiliika Federaalaa Dimokiraata Itiyoophiyaa Taayyee Asqasillaaseen Siidaa Injifannoo jala abaaboo kaa'aniiru.
Kana malees, Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee abaaboo kaa'aniiru.
Akkasumas, Waldaa Gootota Qabsaa'ota Wareegamtoota bakka bu’uun pirezidaantiin waldichaa Lij Daani'eel Jootee Masfin abaaboo kaa'aniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015