Tamsaasa Kallatti:

Dirree Dawaatti hojiiwwan ittisa busaa irratti hojjetamaniin bu'aaleen galmeeffamaniiru

Ebla25/2018(ENA):- Bulchiinsa Dirree Dawaatti hojiiwwan qindaa'oon ittisaa fi to'annoo busaa irratti hojjetaman dhibee kana hir'isuu keessatti bu'aa qabatamaa fidaa jiraachuu ogeeyyiinii fi hoggantoonni damee fayyaa ibsan.

  Dirree Dawaan teessuma lafaa fi haala qilleessaa ho'aa qabduun kan ka'e, naannolee biyyattii dhibee busaatiif saaxilamoo ta'an keessaa ishee tokko ta'uunshee  ni beekama.

Saaxilamummaa kana hir'isuu fi fayyaa uummataa eeguuf hojiiwwan ittisaa garaa garaa hojjetamaa kan turan yoo ta'u, kanaanis bu'aaleen galmeeffamuunsaa  ibsameera.

Aanaa  Saabiyaaniitti  hojii gaggeessan  Buufata Fayyaa Gooroo  Idaalammaa Irqiyihuun  akka jedhanitti   iddoowan gannaan wal-horuuf mijatan karaa qindaawaa ta'een gogsuunii  fi keemikaala biifuun busaa karaa qabatamaa ta'een ittisuun danda'ameera.


 

Keessattuu, ogeeyyiin Ekisteenshinii Fayyaa uummataaf barnoota ittisaa sirrii ta'e kennuudhaan fi hojii ittisaa irratti abbummaan akka hirmaatan gochuun hojiiwwan hojjetaman firii kan qaban ta'uu dubbataniiru.

Hawaasni dallaa fi naannoosaanii  qulqulleessuu, bakka bishaan ciise dhangalaasuu fi gogsuun hojiin inni hojjechaa jiran  akka fakkeenyaatti kan ka'u ta'uu ibsaniiru.

Hojii ittisaa cinaatti baatiiwwan salgan darban keessa namoota dhibee busaatiin qabaman kuma  2fi 900f yaala barbaachisaa ta'e kennuun hojiin fayyisuu hojjetamuu kaasaniiru.

Hojiiwwan bara darbee fi barana ittisaa fi dhabasiisa  busaa irratti hojjetaman, namoonni busaadhaan qabaman haala olaanaan akka hir'atan gochuu isaas ibsaniiru.

Ogeessi Buufata Fayyaa Aanaa Malkaa Jabduu Beetaliheem Indaalaa  gama isaaniitiin, barana hojiiwwan ittisaa fi dhabamsiisa busaa irratti hojjetaman tamsa'ina dhibee kanaa dhaabsisuuf kan dandeessise ta'uun ibsan.

Keessattuu, iddoowwan yaa'a bishaanii fi naannolee industiriitti bakka itti  wal-horanitti keemikaala biifuun naannolee sana  sodaarraa bilisa gochuun danda'ameera jedhaniiru.

Warra dhukkubsataniifis wal’aansa barbaachisaan kennamaa jiraachuu eeruun, dhukkubsataan busaadhaan qabame tokkollee buufata fayyaa sana keessa akka hin jirre ibsaniiru.

Hojiiwwan ittisa busaa irratti hojjetamaniin jijjiiramoota dhufan caalaatti guddisuun, Malkaa Jabduu busaa irraa bilisa taate dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Fayyaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Doktar Tsigeredaa Kifilee gama isaaniitiin; dhibee busaa ittisuu irrattis ta'e dhaabbilee fayyaa hunda keessatti nama busaadhaan qabameef yaalli kennamaa jiru bu'aa jajjabeessaa fiduu isaa ibsaniiru.

Hirmaannaan hawaasni dhibee kana ittisuuf taasisaa jiru cimaa dhufuu fi dhaabbilee fayyaa hunda keessatti qorichi farra busaa fi kiitiin qorannoo ariifataa akka guutamu ta'uun isaa tamsa'ina dhibee kanaa haala olaanaan hir'isuu dandeessiseera jedhaniiru.

Baatiiwwan salgan darban keessa dhibee busaatiin kan lubbuun isaa darbe jiraataan tokkollee akka hin jirre eeranii, imala bu'a-qabeessa kana itti fufsiisuu fi Dirree Dawaa busaa irraa bilisa gochuuf xiyyeeffannoodhaan hojjeamaa jiraachuu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015