Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu Naamusa Industirii fi Duudhaa Hojii Haaraa dagaagsaa jira — Tajaajila Komuniikeeshinii Mootummaa - ENA Afaan Oromoo
Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu Naamusa Industirii fi Duudhaa Hojii Haaraa dagaagsaa jira — Tajaajila Komuniikeeshinii Mootummaa
Ebla 25/2018(ENA)- Sosochiin Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu dandeettii teeknikaa bira darbee, naamusa industirii haaraa fi duudhaa hojii olaanaa uumuu keessatti gahee guddaa bahachaa akka jiru Tajaajilli Komuniikeeshinii Mootummaa beeksise.
Kaka'umsa Ministira Muummee Doktoor Abiyyi Ahimadiin kan eegalame sosochiin Itiyoophiyaan Haa omishtuu,waarshaawwan 830 deebisee hojiitti galchuun, oomisha doolaara biiliyoona 4 tuqaa 85 biyya keessatti bakka buusuu fi gurgurtaa alaa (ekspoortii) irraa doolaara miiliyoona 433 galii gochuun, ce’umsa industirii dinqisiisaa galmeessisuunsaa ibsameera.
Haa ta'u malee, mootummaan Itiyoophiyaa yeroo sochii kana jalqabu galmi isaa oomisha guddisuu fi sharafa alaa oolchuu qofa akka hin turre tajaajilichi ibseera.
Tilmaama dinagdee bira darbee, milkaa’inni hunda caalu fi tarsiimoo’aan kan galmaa’e, humna namaa Itiyoophiyaa maddaa beekumsaa fi dandeettii taasisuu danda'u ijaaruu irratti akka ta'e eerameera.
Har'a guddinni manifaakchariingii walitti qabama waarshaawwanii qofa ta'uun hafee, mana barumsaa gochaa(shaakalaa) bal’aa ogeeyyiin fi gaggeessitoonni dandeettii qaban kanneen Itiyoophiyaa boruu ijaaran keessatti horataman ta'uu danda'eera.
Ce’umsi kun Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa irratti dorgomaa kan ishee taasisu, dhiyeessituu meeshaalee callaa ta'uu irraa gara madda teeknoolojii fi dandeettii dhiyeessuutti kan ol guddisu ta’uu tajaajilichi beeksiseera.
Kunis seenaa haaraa hundee Itiyoophiyaa boruutiif bu'uura kaa'u ta'uu tajaajilichi beeksiseera.
Jijjiiramni qabatamaan Pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa, paarkota induustirii fi Waarshaawwan gurguddoo keessatti argame, cimina imaammata mootummaa gochaan kan mirkaneessu dha jedhameera.
Kanaan dura dandeettii fi kaffaltii guddaan lammiilee biyya alaatiin qofa kan gaggeeffamaa turan, Siistemoota teeknoolojii wal-xaxoon, toorawwan oomishaa ammayyaa fi Bu'uraaleen misoomaa softiweerii, har'a guutummaatti injinaroota fi teeknishaanota dargaggoota biyya keessaatiin gaggeeffamaa jiru.
Jijjiiramni beekumsaa milkaa'aan kun, mootummaan Imaammata qulqullina qabu bocuu qofa osoo hin taane, Imaammata qabatamaan gara hojiitti jijjiiruu fi raawwachiisuu irratti dandeettii guddaa qabaachuu isaa agarsiistuu ta’uun ibsameera.
Dargaggoonni Itiyoophiyaa damee kana keessatti hirmaatanis carraa mijataa isaaniif uumame fayyadamuun, teeknoolojii fudhachuu qofa osoo hin taane, teeknoolojicha dhuunfachuu fi madaqsuu dandeettii qaban gochaan agarsiisaa jiru.
Kanaanis Itiyoophiyaan hirkattummaa teeknoolojii waggoota dheeraaf qabdu dandeettii kalaqaa isaaniitiin hambisaa, duudhaa hojii fi boqonnaa seenaa haaraa barreessaa jiraachuu tajaajilichi ibseera.
Sochiin "Itiyoophiyaan Haa Oomishu" dandeettii teeknikaa bira darbee, naamusaa induustirii fi duudhaa hojii haaraa ijaaraa jira.
Lammiileen damee kana keessatti bobba'an Istaandaardii to'annoo qulqullinaa addunyaa, ittifayyadama yeroo cimaa fi dandeettii gaggeessummaa tarsiimawaa gonfachaa jiru.
Hojjettoota sadarkaa gadii irraa ka’ee Kaampaniwwan addunyaa keessatti hanga sadarkaa murteessummaa olaanaatti kan gahan dargaggoonni, "oomishni gaariin" Itiyoophiyaan gabaa Addunyaatiif dhiyeessitu humna namaasaa ta'uu mirkaneessuun eerameera.
Mootummaan firii ce’umsa industirii kana kan madalu callaa gurgurtaa alaan qofaan osoo hin taane, lammii oomisha danda'u, teeknoolojiin gonfate fi beekumsaan badhaadhe uumuu isaatiin ta'uu tajaajilichi beeksiseera.
Sosochii dandeettii kana caalaa ariifachiisuuf damicha madda teekinooloojii taasuisuun fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman kutannoon akka itti fufan ibsameera.