Tamsaasa Kallatti:

Ministeerichi sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti gama itti gaafatama hawaasaatiin hojiilee misoomaa hedduu raawwachaa jira

Ebla 24/2018(ENA) - Sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti itti gaafatama hawaasaa bahachuuf hojiilee misoomaa hedduu raawwachaa akka jiru ministeerri daldalaa fi walitti hidhaminsa hawaasaa ibse.

Ministeerichi dhaabbilee itti waamamtootasaa waliin ta’uun manneen jireenyaa Baalee Roobeetti birrii miiliyoona 37 caaluun ijaarsise namoota dhadhaboo ta’aniif kenneera.

Manneen jireenyaa ijaaraman 20 tokkoon tokkoonsaanii bu’urri misoomaa fi meeshaaleen hundaaf kan guutame ta’uun ibsameera.

Ministirri daldalaa fi walitti hidhaminsa riijinii Dr. Kaasahun Goofee sirna eebbaarratti akka jedhanitti, dhaabbatichi sirna daldalaa ammayyeessuun gamatti itti gaafatama hawaasummaa bahachuuf hojiilee hedduu raawwachaa jira.

Kanneen keessaa naannolee biyyattii garagaraatti misoomaa fi tajaajiloota lammiirratti xiyyeeffate wal fakkaataa gaggeessuun hawaasa fayyadamaa gochuurratti akka argamu ibsaniiru.

Guyyaa har’aa pirojektoonni Baalee Roobeetti ijaaramanii tajaajilaaf qaqqaban fakkeenya tattaaffii taasifamaa jiruu ta’uu himaniiru.

Pirojektoonni kunneen rakkoo mana jireenyaa namoota dadhaboo furuun olitti, galmoota biyyaalessaa dame Kanaan qabaman gama milkeessuutiin qooda guddaa akka qaban dubbataniiru.

Dabalataanis hojii tola ooltummaa ministeerichi gaggeessu caalaatti kan cimsanii fi kan itti fufan ta’uu kaasaniiru.

Wayituma kana Dr. Kaasahuun Goofee mana kitaabaa dijitaalaa ofiisaanii fi qaamolee biro qindeessuun ijaaran mana barumsaa isaanii duraa mana barumsaa Roobee sadarkaa 2ffaaf kennaniiru.

Ijaarsi mana kitaabaa kun dargaggootaa fi barattoota magaalichaaf aadaa dubbisuu caalaatti kan guddisu yoo ta’u, mul’ata ijoollummaasaanii milkeessuuf kan isaan dandeessise ta’uus ibsaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Roobee obbo Diinoo Amiin gamasaaniin, deeggarsa guddina magaalichaa fi namoota dadhaboo ta’aniif minidteerichi taasiseef galateeffataniiru.

Magaalaa Roobee jiraattotaaf mijattuu fi wiirtuu daldalaa gochuuf tattaaffii godhamaa jiru keessatti gargaarsi ministeerichaa gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Fayyadamtoota misooma kanaa keessaa Sheh Aliyyi Kadirii fi adde Faaxumaa Abdallaa gamasaaniin, ijaarsi mana jireenyaa kun rakkoo mana jireenyaa waggoota dheeraaf qaban kan furu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015