Bulchiinsi Nageenya sooromaa Sodaa Gara Carraa gaariitti jijjiireera - Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsi Nageenya sooromaa Sodaa Gara Carraa gaariitti jijjiireera - Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo
Ebla 24/2018 (ENA): Bulchiinsi Wabii sooromaa balaa bara dheeraa irraa gara invastimantii marsaa haaraatti ce'uu Afyaa'iin Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ibsaniiru.
Bulchiinsi Wabii sooroma Hojjettoota Mootummaa guyyaa har'aa magaalota biyya keenyaa gara garaa keessatti gamoowwan ammayyaa ijaarsise eebbiseera.
Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo eebba kana illachisee ergaa dabarsaniin,dhaabbatichi balaa bara dheeraa irraa gara invastimantii marsaa haaraatti ce’uu ibsaniiru.
Dhaabbatichi waggoota kurnan torba darbaniif nageenya hojjettoota mootummaa ta’us, fandii sooramaa sirnaan hojjachuu fi gara invastimantiitti jijjiiruu dadhabuun isaa yeroo dheeraaf yaaddoo ta’ee ture jedhani.
Haa ta’u malee, xiyyeeffannoo addaa mootummaan ce’umsaa damichaaf kennee fi tarkaanfiiwwan haaromsaa inni fudhateen labsii fi dambiiwwan bulchiinsaa haaraa ragga’aniiru.
Kunis balaa dhaabbatichi kanaan dura irra ture gara carraa gaariitti jijjiiruun, fandicha eeguu qofa osoo hin taane dameewwan invastimantii adda addaa irratti bobba’uu fi dinagdee biyya keenyaa keessatti hirmaataa cimaa akka ta’u taasiseera.
Gamoolee ammayyaa har’a eebbifaman qabeenya meeshaa guddaa qabaniin alatti, firii hojiiwwan haaromsaa waggoota darban keessatti raawwatamanii fi abdii ifaa egeree ta’uu ibsaniiru.
Filannoowwan invastimantii babal’isuu fi tajaajila isaa teeknooloojii dijitaalaatiin ammayyeessuun hojiiwwan misoomaa eegalaman gara fuulduraattis itti fufiinsa fandichaa mirkaneessuuf cimee itti fufuus hubachiisaniiru.
Afyaa’iin kun deeggarsi mootummaan dhaabbatichaaf qabu gara fuulduraattis cimee akka itti fufu waadaa kan seenan yoo ta’u, qaamota milkaa’ina isaaf gumaachan hundaaf galata guddaa qaban ibsaniiru.