Tamsaasa Kallatti:

Gamoon bulchiinsichi ijaarsise kenniinsa tajaajilaa sadarkaa fooyyee qabutti ni guddisa -Pirezidaanti Ordiin Badrii

Ebla 24/2018 (ENA) - Gamoon bulchiinsi wabii hawaasummaa hojjettoota mootummaa ijaarsise kenniinsa tajaajilaa sadarkaa fooyyee qabutti kan guddisu ta’uu Pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii dubbatan.

Pirezidaanti Ordiin Badrii gamoo abbaa darbii saddetii bulchiinsi wabii hawaasummaa hojjettoota mootummaa magaalaa Hararitti ijaarsise eebbisaniiru.

Wayita eebba gamoo kanaatti dubbii dubbataniin, gamoon kun ijaaramuunsaa bakka hojii mijataa uumuudhaan tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuu fi aadaa hojii gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf akka gargaaru hubachiisaniiru.

Gamoon kun siaayina, qulqullinaa fi kalaqaa jiddu galeeffachuun hojjetamuusaa eeranii, qabiyyee seenaa magaalattii eegee tajaajilamtootaaf akka mijatutti ijaaramuusaa beeksisaniiru.

Mootummaan naannichaa deeggarsa dhaabbatichaaf taasisu cimsee akka itti fufus mirkaneessaniiru.

Gamoon kun godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa, bulchiinsa Dirree Dawaa, naannolee Hararii fi Somaaleef tajaajila kennuuf kan dandeessisu ta’uu kan dubbatan ammoo bulchiinsa wabii hawaasummaa hojjettoota mootummaatti itti gaafatamaa riijinii Bahaa Abbabaa Shifarraawu dha.

Gamoon kun tajaajila si’ataa hawaasaaf kennuuf mijataa ta’uurra darbee, dhaabbatichaaf madda galii ta’uun faayidaa dinagdee akka qabaatutti yaadamee ijaaramuusaa dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015