Itiyoophiyaan wiirtuu anniisaa haaromfamuu danda’u Afrikaa ta’uuf imala ishee cimsitee itti fufteetti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan wiirtuu anniisaa haaromfamuu danda’u Afrikaa ta’uuf imala ishee cimsitee itti fufteetti
Ebla 24/2018 (ENA): Itiyoophiyaan wiirtuu misooma anniisaa haaromfamuu danda’u ardii kanaa ta’u hundeessuuf imala taasifte keessatti bu’aa qabatamaa galmeessite cimsuu itti fufteetti jechuun Dhaabbanni Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise.
Itiyoophiyaan madda anniisaa haaromfamuu danda’u keessatti dandeettii qabdu fayyadamuudhaan Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 galmaan ga’uu fi ardii kana humna ibsaatiin walqunnamsiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jirti.
Waliigalteewwan gurgurtaa humnaa naannichaa yeroo ammaa hojiirra oolaa jiranis imalli biyyattiin gara badhaadhinaatti taasiftu bu’aa qabatamaa waliin ta’uu mirkaneessa.
Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, Aayishaa 2 fi Asallaa milkiin xumuramuu fi hojiitti galchuun dandeettiin humni humna maddisiisuu biyyattii meeggaa waattii kuma 9 fi 752 ol gaheera.
Akka ragaan Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa agarsiisutti bara baajataa 2018 ji’oota sagal jalqabaa keessatti humni humnaa sa’aatii giigaawaat kuma 24 fi 970 biyya keessaa fi ollaatti gurgurameera.
Bara baajataa kana keessa Doolaarri Ameerikaa miiliyoona 366 gurgurtaa humnaa biyyoota alaa fi dhaabbilee teeknooloojiitiif taasifameen bu’aan argameera.
Kunis bara bajataa darbee yeroo walfakkaatuun wal bira qabamee yoo ilaalamu doolaara Ameerikaa miiliyoona 138’n dabaleera.
Daarektarri Kominikeeshinii Dhaabbilee Humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Moogas Mokonnon ENA’tti akka himanitti, Itiyoophiyaan yeroo ammaa maddoota haayidiroo, qilleensaa, aduu fi ji’ooteermaaliin humna ibsaa maddisisti jedhani.
Filannoo anniisaa daran babal’isuu fi dhiyeessii anniisaa haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus hubachiisaniiru.
Mul’anni Itiyoophiyaan giddugala anniisaa haaromfamuu danda’u Afrikaa ta’uuf qabdu walitti hidhamiinsa bu’uuraalee anniisaa biyyoota ollaa waliin uumteen dhugoomsaa akka jiru ibsaniiru.
Sudaan, Jibuutii, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa waliin hariiroo gurgurtaa humnaa eegaluu eeruun, kunis imaammata alaa biyyattiin wal-misoomsuu dhugoomsuu qofa osoo hin taane, walitti dhufeenya wal-amantaa irratti hundaa'e ni uuma jedhani.
Sochiin kun hooggansaa fi gumaacha Itiyoophiyaan galmoota Ajandaa 2063 gamtaa Afrikaa walitti hidhamiinsa bu'uuraalee misoomaa galmaan ga'uuf qabdu kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru.
Akkasumas galiin sharafa alaa gurgurtaa humnaa irraa argamu bu’uuraalee humnaa babal’isuu fi kunuunsuuf gargaarsa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, baasii ijaarsa pirojektii humna qilleensaa Ayisha II dandeettii faayinaansii biyya keessaatiin kan uwwifame ta’uu eeruun, kunis carraaqqii dhaaqqabummaa anniisaa guddisuu fi dinagdee faalama irraa bilisa ta’e ijaaruuf taasifamaa jiruuf carraa guddaa ta’eera jedhani.
Itiyoophiyaan galma gurgurtaa humnaa biyyoota ollaa irra darbee biyyoota gaanfa Afrikaatti babal’isuuf karoora bal’aa qabattee hojjechaa akka jirtus eeraniiru.
Sudaan Kibbaa fedhii anniisaa bitachuu waan agarsiifteef waliigalteen mallattaa’ee sadarkaa ogeeyyiitti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Somaaliyaanis fedhii anniisaa argachuu akka qabdu kan ibsan daayreektarichi, sarara humnaa biyyoota biroo fayyadamuun biyyoota daangaa hin qoodanneef anniisaa kennuuf karoorri akka jiru mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA