Irreechi Arfaasaa Tulluu Eegduutti kabajame - ENA Afaan Oromoo
Irreechi Arfaasaa Tulluu Eegduutti kabajame
Ebla 24/2018(ENA): Irreechi Arfaasaa Tulluu Eegduutti karaa safuu fi duudhaasaa eeggateen kabajameera.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Irreechi Arfaasaa Tulluu Eegduutti karaa safuufi duudhaa isaa eeggateen sirnoota garaagaraatiin kabajameera.
Uummanni Oromoo Waktii Arfaasaa Tulluutti bahuun uumaa isaa kadhata. Roobni qulqulluun akka roobuufii Uumaasaa kadhata.
Haaluma kanaan Guyyaa har'aa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Irreechi Arfaasaa Tulluu Eegduutti karaa safuufi duudhaa isaa eeggateen bifa Miidhagina qabuufi nama hawwachuu danda'uun bakka Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, Qeerroofi Qarreen garaagaraa argamanitti kabajameera.
Komunikeeshinii kutaa magaalaa Gafarsaa Gujeerraa.