Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Zoonii dinagdee addaa Huwajiyaan keessatti bakka oomisha “Gobez Soolaar Seel” daawwatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Zoonii dinagdee addaa Huwajiyaan keessatti bakka oomisha “Gobez Soolaar Seel” daawwatan
Ebla 24/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Finfinnee Zoonii dinagdee addaa Huwajiyaan keessatti bakka oomisha “Gobez Soolaar Seel” har’a daawwataniiru.
Ministirri muummee DR, Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti barreessaniin, warshaan kun foramii walii galtee bara 2025 Itiyoophiyaa keessatti Invast godhaa (Invest in Ethiopia Forum) jedhuun mallatteeffame ka’umsa godhachuun doolaara miiliyoona 100’n ijaarsa boqonnaa jalqabaatiin kan hundeeffame ta’uu dubbataniiru.
Deeggarsaa fi hordoffii bu’a qabeessa taasifameen baatii jaha keessatti kan dhugoome bakki oomishaa “Gobez Soolaar Seel” maashinoota ammayyaa fi teeknooloojiin kan hundeeffamedha jedhaniiru.
Bakki oomishaa karee meetira 38 ta’u kun namoota hedduuf carraa hojii uumuusaa ministirri muummee ibsaniiru.
Boqonnaa jalqabaatiin waggaatti giigaa waattii 2 oomishuu kan danda’u warshaan kun, fedhii anniisaa Itiyoophiyaan barbaaddu guutummaatti humna haaromfamurraa gochuuf mul’ata biyyaalessaa eegalame dhugoomsuuf humna dabalataa uumusaa ibsaniiru.
Paarkii industirichaa keessatti kan argamu kophee kan oomishuu fi buufata elektiriikii nuusaa ilaaluusaanii ergaa barreessaniin ibsaniiru.