Tamsaasa Kallatti:

Pirojektoonni misoomaa gurguddoofi koridarri jijjiirama qabatamaa fidaniiru

Ebla 24/2018 (ENA): Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa akka ibsanitti pirojektoonni misoomaa gurguddoo fi koriidaroonni magaalaa Finfinnee adeemsifamaa jiran bifa magaalittii jijjiiruun miidhagina gonfachiisuu irratti jijjiirama dinqisiisaa agarsiisaniiru jedhani.

 
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Roomaaniyaa Juuliyaa Paatikaa ENAtti akka himanitti, jijjiiramni yeroo gabaabaa keessatti magaalaa Finfinneetti mul’ate amanuun nama rakkisa jedhani.
Finfinneen hojii misooma pirpoojektoota gurguddoo fi koriidaraa keessatti hojjetamaa jiruun daandii bal’aa, daandiiwwan lafoo fi paarkiiwwan mimmiidhagoo kan qabdu ta’uu ibsaniiru.
Hojiin kun pirojektii mootummaa qofa osoo hin taane kan ummataa ta’uu ibsuun, Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa irraa eegalee damee turizimii keessatti hojiiwwan hojjetaman dinqisiifannaa akka qaban hubachiisaniiru.

 
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Meeksikoo Alehaandiroo Ives Istiiviilii Kaastiroo gama isaaniitiin, Misoomni koridoorii kun bareedina magaalattii guddisuu qofa osoo hin taane ummataaf haala mijataa uumeera jedhani.
Haalli yeroo ammaa magaalattii keessa jiru bakkaa bakkatti bashannanuu fi konkolaachisuun haala namaaf mijeesseera jedhani.

 
Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Fiinlaandi Siinikaa Antiilaa gama isaaniitiin akka jedhanitti; Koridaraa, paarkiiwwanii fi hojiiwwan misooma qarqara lageenii turtii isaanii keessatti argan kan isaan ajaa’ibsiise ta’uu dubbatani.
Hojiiwwan magaalattii keessatti hojjetaman hedduu nama dinqisiisu ta’uu ibsuun, magaalattiin bakka jireenyaa fi itti gammadaniif haala mijataa uumeera jedhani.

Magaalaan Finfinnee saffisaan guddachaa jiraachuu kan dubbatan Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Baanglaadish Eer Vaayis Maarshaal Siitwaat, saffisni guddina ishee ajaa’ibsisaa ta’uu eeraniiru.
Magaalattiin sadarkaa idil-addunyaa ishee akka guuttuuf hojiin hojjetamaa jirus baay’ee kan dinqisiifamu ta’uu ibsaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
 
 
 
 
 
 
 
 
 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015