Hiriirri nagaa daba gareen seeraan alaa ABUT ummatarraan gahaa jiru balaaleffatu magaalaa Saqoxaatti gaggeeffamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Hiriirri nagaa daba gareen seeraan alaa ABUT ummatarraan gahaa jiru balaaleffatu magaalaa Saqoxaatti gaggeeffamaa jira
Ebla 24/2018 (ENA) - Hiriirri nagaa daba gareen seeraan alaa ABUT ummatarraan gahaa jiru balaaleffatu naannoo Amaaraa bulchiinsa sab-lammii Waag Himiraa magaalaa Saqoxaatti gaggeeffamaa jira.
Ummanni har’a ganama hiriira bahe gareen seeraan alaa ABUT waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa cabsuun daba ummatarratti raawwachaa jiru balaaleffachaa jira.
Ummanni hiriira bahes ergaawwan saamichaa fi ajjeechaa Waag Himiraa Abargalleetti raawwatamaa jiru addunyaan balaaleffachuu qaba, hiraarsii fi shororkeessummaan garee seeraan alaa ABUT nageenya Waag Himiraa fi Itiyoophiyaaf yaaddoodha, fedhiiwwan demokiraasii ummata Waag Himiraa haa kabajamu jedhan dhageessisaa jira.

Kana malees ergaawwan yaa ummata Waag Himiraa filannoo keenya shororkeessummaadhaan gufachiisuuf kanneen barbaadan dammaqnee eeguun waloomaan haa qolannu, filannoon biyyaalessaa keenya shira ABUT seeraan ala socho’uun hin gufatu, saamichii fi ajjeechaan ummata keenyarratti raawwatamu waraana bakka bu’ummaa filannoo gufachiisuuf godhamuuti kan jedhanii fi kan biroos dhageessifamaniiru.
Jiraattonni magaalaa bulchiinsa sab-lammichaa, buqqaatonni Woflaa, Koram, Zaattaa fi Abargallee hiriira kanarratti hirmaataniiru.