Tamsaasa Kallatti:

Bakkeewwan miidhagaa fi bashannanaa dhiheessuuf hojii hojjenne keessaa inni tokko Paarkii Araadaati - Kantiibaa Adaanech Abeebee

Ebla 23/2018 (ENA) – jiraattota magaalaa keenyaaf bakka mijataa, miidhagina magaalaaf akkasumas tuuristiin akka dabaluuf faayidaa guddaa kan qabu akkasumas bakkeewwan miidhagaa fi bashannanaa gahaa dhiheessuuf hojii hojjenne keessaa inni tokko Paarkii Araadaati jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.

Gaalariin seenaan keessatti mul’atu, bakkeewwan daldalaa, Suppar maarkeettii irraa kaasee baankota irraa amma dukkaanota gurgurtaa meeshaalee garagaraatti, kaaffeewwan, galmoota, Hoteelota, mana rifeensaa, jimnaaziyeemota Ispoortii, bakkeewan dorgommii Bishkileetii, tiraakii fiigichaa, Faawunteeyinii fi bakka daa’imman itti taphatan kkf bakka konkolaataan dhaabatu gahaan hundi bakka tokkotti qophaa’anii Paarkii Araadaa keessatti akka argaman ibsaniiru.

Kun ammo magaalattiif bifa haaraa kan uume paarkiin araadaa miidhagaan kun jiraattota magaalaa Finfinnee hundaaf baatiiwwan itti aananitti bilisaan akka daawwatan banaa ta’uusaa dubbataniiru.

Itti fufuunis dhuftanii wirtuu gabaa kanarraa akka shamattan,  akkasumas wiirtuu bashannanaatti akka bashannantan, affeeramtaniittu jedhanii, Araadaa dhuftanii maal dhabdan jechuun fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ergaa dabarsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015