Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata dhufu ifatti banama - ENA Afaan Oromoo
Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata dhufu ifatti banama
Ebla 23/2018 (ENA)- Eksipoon idil addunyaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan Dilbata Ebla 25 bara 2018 Finfinneetti ifatti akka banamu ministirri Industirii Malaakuu Allabal beeksisan.
Industiriiwwan rakkoolee isaan mudachaa ture sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuutiin sadarkaa sadarkaan akka furamanii fi dandeettiin oomishuu isaanii akka dabalu taasifamuu mninistirichi ibsa isaanii keessatti kaasaniiru.
Eksipoon Itiyoophiyaan haa oomishtuu 4ffaan mata duree “birmadummaa hunda galeessaaf Itiyoophiyaan haa oomishtu” jedhuun Ebla 25-30 bara 2018tti akka gaggeeffamu ibsanii, oomishoota Itiyoophiyaa beeksisuu fi carraalee gabaa dabalataa bal’isuun kaayyoo ijoo Eksipoo kanaati jedhan.
Walitti hidhaminsa gabaa uumuu fi qulqullina oomishaa fooyyessuufis qooda guddaa ni qabaata jedhaniiru.
Kalaqa jajjabeessuunis kaayyoo Eksipoo kanaa keessaa isa tokko ta’uu eeranii, cehumsa teeknooloojii fi muuxannoo wal jijjiiruu uumuunis galma isa ijoo ta’uu dubbataniiru.
Walii galteewwan daldalaa 850 Eksipoo kanarratti akka taasifaman eeranii, bittaa fi gurgurtaan birrii biiliyoona shanii ol ni raawwatama jedhamee akka akka eegamu eeraniiru.
Eksipoo wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti guyyoota shaniif gaggeeffamu kanarratti namoonni biyya keessaa fi biyya alaa kuma 150 caalan akka argaman ibsameera.
Eksipoo Itiyoophiyaan haa oomishtuu Kanaan oomishoota beeksisuun gamatti mariileen paanaalii garagaraa, dorgommiiwwan misooma oomishaa, industiriiwwan raawwii fooyya’aa qabaniif sagantaa beekkamtii fi sagantaaleen biroon akka raawwataman ibsa Kanaan eerameera.