Tamsaasa Kallatti:

Bu’aaleen kalaqaa misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura

Ebla 22/2018 (ENA): Bu’aaleen kalaqaa misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura jedhan Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaar.
Agarsiisni teeknooloojii fi kalaqa, mata duree "Saayinsii fi Teeknooloojii; Guddina Biyyaalessaa Saffisaa fi Jijjiiramaaf" jedhuun qophaa'ee fi Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi Lammaffaa Dirree Dhawaatiin qophaa'e magaalaa Dirree Dhawaatti banameera.

 
Agarsiisa kana kan banan kantiibaan magaalaa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaar, Af-yaa'ii Mana Maree Bulchiinsa magaalichaa obbo Abdii Muktaar, Hogganaa Biiroo Barnoota magaalichaa Sulxaan Alii fi hoggantoonni biroo argamaniiru.
Obbo Kadir Juhaar wayita sana akka himanitti, kalaqniwwan agarsiisa kanarratti dhiyaatan Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuudhaaf tattaaffii kallattii hedduun eegalame kan agarsiisanidha jedhani.
Bu’aa saayinsii fi teeknooloojii manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa keessatti gaggeeffamaa jiru gara sadarkaa olaanaatti akka ceesisuuf bulchiinsi magaalichaa deeggarsa isaa cimsee kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

 
Bu’aan kalaqaa fi teeknooloojii agarsiisa kanarratti dhiyaate rakkoo hawaasaa kan furu ta’uu ibsuun, hojii kalaqawwan gara fayyadamummaatti jijjiiruun kolleejjiiwwan teeknikaa fi ogummaa waliin walitti hidhuun kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.
Itti Gaafatamaan Biiroo Barnoota Bulchiinsa magaalichaa obbo Sulxaan Alii jijjiirama biyyaalessaa hordofuun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa Dirree Dhawaa keessatti kalaqawwan teeknooloojii fi saayinsii irratti xiyyeeffannaan addaa kennameera jedhan.

Kalaqni teeknooloojii amma manneen barnootaa keessatti mul’achaa jiru bu’aa hojimaataa fi qophii, akkasumas deeggarsaafi to’annoo ta’uu ibsaniiru.
Bu’aan teeknooloojii manneen barnootaa keessatti oomishaman dandeettii kalaqaa barattootaa kan agarsiisu yoo ta’u, daran guddachuu akka qabuu fi intarpiraayizoota omishaa, industiriiwwanii fi dhaabbilee tajaajila kennitootaaf dandeettii dabalataa akka ta’uu qabu ibsaniiru.
Agarsiisni guyyoota sadiif turu har’a baname kun pirojektoota kalaqaa jallisii, ibsaa, tajaajila, qorichaa, baruu fi barsiisuun akkasumas dameewwan birootiin hojjetaman agarsiifameera.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015