Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti Ganna dhufu lafa heektara 884 irratti biqiltuun shaayii ni dhaabbata

Ebla 22/2018(ENA): Godina Iluu Abbaa Booraatti Ganna dhufu lafa heektara 884 irratti biqiltuu Shaayii Miiliyoona 13.8 dhaabuuf hojjetamaa akka jiru Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Addaamuu Takkalaa ENA’f akka ibsanitti, Godinichatti Hawaasni hojiiwwan qonnaa biroo cinaatti inisheetivii misooma shaayiitiin akka fayyadamu xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.

Haaluma Kanaan bara kana lafa hektaara 884 irratti biqiltuu shaayii misoomsuuf karoorfamee qophiin biqiltuu fi boolla qotuun bal’inaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Akka itti gaafatamaan kun himanitti, bara kanatti biqiltuu miliyoona 18.5 qopheessuun kan danda’ame yoo ta’u, kanneen keessaas miliyoona 13.5 Ganna dhufu lafa heektara 884 irratti ni dhaabbatu jedhaniiru.

Hojiin misoomaa kun aanaalee godinichaa ja’aa fi gandaoota 22 keessatti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, qonnaan bultootaa fi waldaalee imaaxaa dabalatee lammiileen 400 ol misoomicha irratti hirmaachaa akka jiran eeraniiru.

Qonnaan bultoonni hojii qonnaa misooma shaayii irratti bobba’an gama isaaniitiin, hojiin misooma shaayii sadarkaa hundaatti irra caalaan humna namaatiin kan hojjetamu waan ta’eef, namoota hedduuf carraa hojii akka uumu dubbataniiru.

Dabalataan, yeroo oomishaaf ga’u torban lama lamaan funaanamee warshaaf kan dhiyaatu waan ta’eef, madda galii dhaabbataa akka ta’u ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni kunneen carraa hojii warra kaaniif uumaa, gama isaaniitiin immoo fayyadamummaa isaanii guddisuuf cimanii hojjechaa akka jiranis ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015