Tamsaasa Kallatti:

Leenjii ogummaa Poolisii Nagaa fi tas-gabbii naannichaa eegsisuuf nu gargaaru arganneera

Ebla 22/2018(ENA)-Miseensonni Poolisii Kolleejjii Poolisii Naannoo Beenishaangul Gumuuz irraa eebbifaman, leenjii ogummaa poolisii nagaa fi tas-gabbii naannichaa eegsisuuf isaan gargaaru fudhachuu isaanii dubbatan.


Kolleejjiin Poolisii Naannichaa Miseensota Poolisii marsaa 7ffaa leenjisaa ture eebbisiiseera.

Miseensota poolisii eebbifaman keessaa Itti Aanaa Saajin Habtaamuu Warquu ENA’f akka ibsanitti, yeroo kolleejjii turanitti naamusa ogummaa poolisii dabalatee, Leenjii Jabeenya Qaamaa fi ogummaa loltuu fudhachuu isaanii ibsaniiru.


Itti fufuudhaan, nageenya naannichaa eegsisuun lammiileen nagaan akka socho’anii fi mirgi namoomaa isaanii akka kabajamu gochuun itti gaafatamummaa isaanii akka bahanis ibsaniiru.

Itti Aantuu Saajin Burtukaan Warquu gama isaaniitiin, leenjii fudhataniin hawaasa tajaajiluuf qophii ta'uu isaanii ibsuun, nagaa naannichaa itti fufsiisuuf hawaasa waliin qindoominaan ni hojjanna jedhaniiru.

Filannoon waliigalaa 7ffaan fuulduratti geggeeffamu nagaan akka xumuramuuf shoorri Miseensota Poolisii guddaa waan ta'eef, ergama kennameef gahumsaan bahuuf qophii ta'uu isaaniis eeraniiru.

Leenjicha hoggantoota dandeettii hoggansa poolisii fi leenjii loltuu irratti muxxannoo guddaa qabaniin fudhachuu isaanii kan dubbatan ammoo Konistaabil Daani'eel Kabbadaati.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015