Kenniinsi Tajaajila Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo fooyya’uun deddeebi’uurraa nu baraareera – Tajaajilamtoota - ENA Afaan Oromoo
Kenniinsi Tajaajila Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo fooyya’uun deddeebi’uurraa nu baraareera – Tajaajilamtoota
Ebla 22/2018(ENA): Tajaajilli Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo fooyya’uunsaa rakkoowwan deddeebi’uu irraa fi baasii hin barbaachisne irraa nu oolcheera jechuun tajaajilamtoonni ENA’n dubbise ibsan.
Akka jiraatan Magaalichaa Shaambal Andu'aalam Garramaa ibsanitti, kanaan dura mana qopheessaa keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf guyyoota hedduu deddeebi’uun waan gaafatuuf qisaasama yeroo guddaatu nu mudata ture jedhan.
Amma garuu, tajaajillichi hoj-maata si’ataa diriirseen, dhimma ijaaramanii lafa gaafachuuf dhufan yeroo gabaabaa keessatti akka raawwataniif dubbataniiru.
Hoj-maanni mana qopheessichaa si’ataa fi ammayyaa’aa kan ta’e rakkoowwan kanaan duraa waan fureef, akka itti fufuus gaafataniiru.
Aadde Warqinash Dheeressaa gama isaaniitiin, tajaajilli ammayyaa mana qopheessichaatti jalqabame dhimma kaartaa baafachuu itti dhufan yeroo gabaabaa keessatti akka xumuran kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru.
Jiraataan Magaalichaa biroon Yaadeessaa Bultumaa gama isaaniitiin, hoj-maata duraaniitiin ragaankee badeera jechuun tajaajilamaa rakkisuun akka ture yaadatanii, amma garuu tajaajilli waan fooyya’eef dhimma isaanii yeroo gabaabaatti raawwachuusaanii ibsaniiru.
Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Mana Qopheessaa Magaalaa Amboo obbo Mul’isaa Fayyeeraa akka himanitti, tajaajila kennamu ammayyeessuun tajaajilamtoonni akka dafanii keessummeeffaman gochuuf hojiin humna namaa fi meeshaalee guutuu hojjetameera jedhani.
Tajaajila Mana Qopheessaa teeknolojiin deeggaruu fi deebisanii gurmeessuun , kanaan dura dhimma tokko raawwachiisuuf deddeebi’uun yeroo dheeraa fudhatu hambisuun, tajaajilamtoonni yeroo gabaabaa keessatti dhimma isaanii akka xumuran taasifamuu isaa ibsaniiru.