Yaala Aadaa kan Ammayyaa waliin qindeessuun hojiirra akka oolu gochuuf tattaaffii taasifamuuf gaheen hayyootaa olaanaadha - ENA Afaan Oromoo
Yaala Aadaa kan Ammayyaa waliin qindeessuun hojiirra akka oolu gochuuf tattaaffii taasifamuuf gaheen hayyootaa olaanaadha
Ebla 22/2018(ENA) - Yaala aadaa fi kan ammayyaa waliin qindeessuun tajaajlilaaf oolchuuf taattaaffii taassifamu keessatti gumaachi hayyootaa olaanaa ta'uu isaa itti aanaan walitti qabaa boordii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa Piroofeesar Daani'eel Qixaawu ibsan.
Konfiraansiin Idil-Addunyaa 6ffaan oomishaalee biqiltuu yaala aadaaf oolanii fi yaala fayyaa irratti xiyyeeffate Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaatti geggeeffameera.
Piroofeesar Daani'eel Qixaawu wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan biqiltuu yaala aadaaf oolan hedduu qabaachuu ishee eeranii; yaala Aadaa Saayinsii yaala ammayyaa waliin qindeessuun tajaajila ummataaf oolchuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Adeemsa kana keessatti gumaachi hayyoota damee kanaa olaanaa ta'uusaa eeruun, filannoo yaalaa bu'aa qabeessa fi nageenyi isaa eegame dhiyeessuuf qooda fudhattoonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru.
Yunivarsiitichi biqiltuu yaala aadaaf oolan qorannoon adda baasuurra darbee, gahumsaa fi qabiyyee isaan qaban qorannoon mirkaneessuu cimsanii itti fufuu akka qabanis hubachiisaniiru.
Infeekshiinootaa fi dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuuf, biqiltuu dhimma kanaaf oolan irratti qooda fudhattoota waliin qindoominaan qorannoo gaggeessuun akka cimu ibsameera.
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknoolojii Adaamaa Doktar Lammii Guutaa gama isaaniiin; Yaala Aadaa Ammayyeessuu fi yaala ammayyaa waliin walitti makuuf haala danda'amu irratti, Yunivarsiitichi Hayyoota fi dhaabbilee damee kanaa biyya keessaa fi Idil-Addunyaa waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
Kanaan wal-qabatee Yunivarsiitichi Inistiitiyuutii Faarmaasiiyutikaalaa gurmeessuun, yaala aadaa irratti qorannoo itti fufsiisuuf galma qabatee hojjechaa jiraachuusaa ibsaniiru.
Qorataan olaanaan Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansan Piroofeesar Milkiyaas Indaalaa akka jedhanitti, konfiraansii kana irratti qorannoon biqiltuu farra-kaansarii fi farra-sukkaaraa ta'anii tajaajilan irratti gaggeeffamee fi qabiyyeen isaanii adda bahe ni dhiyaata.
Waltajjichi biqiltuun yaala aadaaf oolan qorannoon adda bahanii fi gahumsi isaanii mirkanaa'ee gara oomishaatti haala itti ce’an agarsiisuuf kaayyoo akka qabu ibsaniiru.
Wal’aantonni tajaajila yaala aadaa, qorattoonni, oomishtoonni fi to'attonni qindoominaan hojjechuun akka irra jiru hubachiisaniiru.