Naannoo Oromiyyatti ji’oota saglan darbanitti lammiilee miliyoona 2 caalaniif carraan hojii uumameera - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyyatti ji’oota saglan darbanitti lammiilee miliyoona 2 caalaniif carraan hojii uumameera
Eebilaa 22/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaatti ji’oota saglan darban keessatti lammilee miliyoona 2 fi kuma 17 caalaniif carraan hojii adda addaa uumamuu Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa beeksise.
Itti Aanaan Hooganaa biirichaa Obbo Waasihuun Golgaa ENA’tti akka himanitti; biirichi bara kana carraa hojii itti fufinsa qabu uumuu, leenjii ogummaa dorgomaa isaan taasisu kennuu fi misooma kalaqaa fi tekinoolojii irratti bal’inaan hojjeteera.
Haaluma kanaan bara kana naannichatti lammiilee miliyoona 2 fi kuma 720’f carraa hojii uumuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru.
Ji’oota saglan darbani hojii gama kanaan hojjetameen lammilee miliyoona 2 fi kuma 17 oliif carraa hojii uumuun danda’ameera jedhan.
Kana keessaa lammileen miliyoonni 1 fi kuma 500 caalan waldaan kan gurmaa’aniif akkasumas lammilee kuma 400 oliif immoo qacarriin carraan hojii umameera jedhaiiru.
Bara kana lammileef carraa hojii ogummaan durfamu uumuuf leenjiin dhawesummaa lammilee miliyoona 4 tuqaa 6 kennamuu eeranii; waliigalaan ogummaa daldalaa irratti lammilee miliyoona 2 tuqaa 6 oliif leenjiin gaggabaaban kan kenname ta’u himaniiru.
Lammileef leenjiin kunneen erga kennameen booda gosa ogummaa isaan barbaadaniirratti akka gurmaa’anii hojjetan, bakkii itti hojjetanii fi liqaan akka mijatuuf taasifamuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan naannichatti bara kana ji’oota saglan darbanitti lammiilee carraan hojii uumameefis liqaan birrii biliyoona 23 ol kennamuu himaniiru.
Lafti oomishaai fi gurguran heektaarri kumni 95 fi sheediwwan kumni 7 lammiilee carraan hojii uumameef dhihaachuus Obbo Waasihun ibsaniiru.
Lammileen kunneen inisheetiviiwwaan adda addaa magaalaa fi baadiyyaatti mootummaan hojiirra oolchaa jiru irratti bali’anaan hirmaachaa jirachuus himaniiru.
Inisheetiivoonni kunneenis misooma midhaanii, muduraa fi kuduraa, horsiisa sawwaan aannanii, furdisa loonii, misooma lukkuu foonii fi buuphaa fi kanneen biroon kan eeraman ta’uu dubbataniiru.
Magaalaa keessatti immoo inisheetiviiwwaan industirii godoon lammiilee hedduuf carraan hojii bal’inaan uumamuu himaniiru.
Ji’oota saglan darban naannichatti Industiriiwwan adda addaa kessattis carraan hojii hedduun lammiilee baay’eef uumamuu eeraniiru.
Walitti hidhaminsi gabaas lammilee kanneeniif kan uumameef ta’uu himaniiru.