Tajaajilli geejjibaa gara idileetti akka deebi'u beeksisuu ilaallata. - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli geejjibaa gara idileetti akka deebi'u beeksisuu ilaallata.
Waldhabdeen Baha Giddu Galeessaa keessatti mudate gabaa boba’aa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa kan geessise yoo ta’u, gatiin boba’aa akka ol ka’uu fi dhiyeessiin akka addaan citu taasiseera.
Kunis dhiyeessii naafxaa Itiyoophiyaa guyyaatti liitira miiliyoona 9 irraa gara liitira miiliyoona 4.5tti gadi buusuun tajaajila geejjibaa irratti dhiibbaa guddaa uumeera.
Mootummaan rakkoo kana saffisaan furuuf tarkaanfiiwwan ariifachiisaa fi itti fufiinsa qaban hedduu kan fudhate yoo ta’u, kunis riifoormii taarifaa, bulchiinsa dhiyeessii cancala fooyyessuu, qindoomina loojistikii cimsuu dabalata.
Kunis kallattii imaammata mootummaan tasgabbii dinagdee biyya keessaa eeguun faayidaa ummataaf dursa kennuu fi dhiibbaan alaa jiraatus tajaajilli mootummaa akka hin jeeqamne taasisuu kan calaqqisiisudha.
Har’a Ebla 21, 2018 dhiyeessiin boba’aa gara idileetti deebi’uu Ministeerri Maallaqaa ifatti beeksiseera. Kunis dhiibbaa damee geejjibaa keessatti mudatu saffisaan furuuf kan dandeessisu ta’a.
Kanaafuu, hooggantoonni seektaraa fi qooda fudhattoonni Finfinnee irraa kaasee hanga naannolee jiran hundi raawwii taarifa kanaa haala murtaa’een ciminaan akka hordofan, akkasumas hojiirra oolmaa isaa karaa task force walootiin akka mirkaneessu, rakkoon tajaajila geejjibaa sababa hanqina boba’aa mudateen guutummaan guutuutti har’a irraa eegalee furmaata argachuu akka danda’uuf dhaamna.
Mootummaan tasgabbii jireenya hawaasaa mirkaneessuu, itti fufiinsa sochii diinagdee eeguu, tajaajila geejjibaa haala itti fufiinsa qabuun cimsuuf kutannoo qabu itti fufa.
Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii.