Tamsaasa Kallatti:

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Yaa’ii Idilee isaa 18ffaa Boru Gaggeessa

Ebla 21/2018 (ENA): Manni Maree Bakka Bu’oota Ummatootaa 6ffaan Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaa waggaa 5ffaa bara hojiisaa boru walgahii idilee 18ffaa isaa akka gaggeessu ibsame.

Manni marichaa yaa’ii idilee isaa 18ffaa gaggeessuun wixinee labsii Waliigaltee Tajaajila Qilleensaa Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Seeraaliyoon raggaasisuuf ba’e afur ilaaluuf, Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Angoolaa, Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Ummataa Baangilaadeesh, akkasumas Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Eswatini ilaaluun raggaasisuuf karee dhaabbiitti akka qajeelchu himameera.

Gama biraatiin Manni marichaa wixinee labsii Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Rippabiliika Seeraaliyoon dhiyeessanis ni ilaala.

Akkasumas, tajaajila viizaa bilisa ilaalchisuun Mootummaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Federaalaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Rippabiliika Sooshaalistii Veetnaam gidduutti waliigaltee mallattaa’e raggaasisuuf wixinee labsii Manni marichaa ilaalee koree dhaabbii dhimmi ilaallatuuf ni qajeelcha.

Itiyoophiyaa fi Mootummaan Rippabiliika Soshaalistii Veetnaam namoota paaspoortii dippilomaasii ykn tajaajila viizaa bilisaa ilaalchisee, akkasumas muudama miseensota boordii Ejensii Pireesii Itiyoophiyaa ilaalee akka raggaasisu ni eegama.

#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015