Maamiltoota humna elektiriikii haaraa argachuu barbaadaniif hojmaanni kafaltii yeroo dheeraan fayyadamaa isaan taasisu ifoome - ENA Afaan Oromoo
Maamiltoota humna elektiriikii haaraa argachuu barbaadaniif hojmaanni kafaltii yeroo dheeraan fayyadamaa isaan taasisu ifoome
Ebla 21/2018(ENA)-Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa, maamiltoota humna elektiriikii haaraa argachuu barbaadaniif hojmaata kafaltii yeroo dheeraan fayyadamaa isaan taasisu ifoomseera.
Hojii gaggeessaan maarkeetiingii gurgurtaa fi tajaajila maamiltootaa obbo Isayaas Dandir, sirna hojmaataa kaffaltii haaraa kana ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniinis,Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa qulqullina tajaajila maamiltootaa fi dhaqqabamummaasaa mirkaneessuuf sirna hojmaata ammayyaa hojiirra oolchaa akka jiru himaniiru.
Hojiiwwan qulqullina tajaajilaa fi dhaqqabamummaasa babal'isuuf hojjetaman, baay'ina maamiltootaa dabaluu keessatti gahee olaanaa bahachaa akka jiru ibsaniiru.
Sirni tajaajilaa haaraan kun Maamiltoota Elektirikii barbaadanii fi yeroo tokkoon kaffaluu hin dandeenye fayyadamoo kan taasisu ta’uu beeksisaniiru.
Sirni kun, maamiltoonni lakkooftuu elektirikii haaraa barbaadan hundi rakkoo mallaqaan akka hin hafne yaadamee kan qophaaye ta'uu himaniiru.
Rakkoo kaffaltii tajaajila haaraa furuuf, hanga ji'a 24 (waggaa lama) kan turu sirni kaffaltii yeroo dheeraa hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.
Maamiltoonni kaffaltii kana kaffaltii tajaajilaa baatii baatiin kaffalanitti ida’uun kaffaluu akka danda'an dubbataniiru.
Sirnichi maamiltoota kaffaltii guutuu yeroo tokkoon kaffaluu hin dandeenye fi rakkoo kaffaltii qabaniif furmaata kennuuf kan karoorfame ta'uu ibsaniiru.
Fayyadamoo sirna kaffaltii yeroo dheeraa ta’uuf Iyyannoo dhiyeeffachuu,
Kaffaltii dursaa (Advance payment) harka kudhan (10%) kaffaluu, Kaffaltii baatii baatii hafe waliigaltee mallatteessuun raawwachuu fi waliigaltee sana kabajuuf fedhii qabaachuu fi ulaagaalee kana fakkaatan of keessaa akka qabu dubbataniiru.
Hojiirra oolchi kun maamiltoota lakkooftuu elektiriikaa sarara baaqqee "single phase" barbaadan hundaaf kan hojjetu ta'uu beeksisaniiru.