Misoomni si’ataa Finfinneen agarsiisaa jirtuun bakka turizimii keessummoonni raajeffatan ishee taasisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Misoomni si’ataa Finfinneen agarsiisaa jirtuun bakka turizimii keessummoonni raajeffatan ishee taasisaa jira
Ebla 21/2018 (ENA)- Imalli guddina si’ataa Finfinnee magaalattiin wiirtuu taateewwan gurguddoo ardii fi idil addunyaa qofa osoo hin taane miidhaginaa fi hawata turizimiin keessummootashee kan dinqisiiftu ishee taasisaa jiraachuu komishiniin turizimii bulchiinsa magaalichaa beeksise.
Borumtaa jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaatti Finfinnee akkuma maqaashee magaalaa miidhagduu fi sadarkaa idil addunyaatti dorgomtu gochuuf hojiileen hojjetaman bu’aa qabatamaa galmeessisaniiru.
Magaalattii jireenyaaf mijattuu,qulqulluu fi hawattuu gochuun daandii lafoo, bishkileetii, konkolaataa dabalatee bakkeewwan bashannanaa magariisaa misooma kooriidaraan ijaaramaniiru.
Damee turizimiitiin haaromsi masaraa biyyaalessaa, yaadannoon injifannoo Adwaa, pirojektoonni maaddii Shaggarii fi golambaan Saayinsii milkaa’inoota misoomaa bifa magaalattii jijjiiranidha.
Bu’ura misoomaa fi miidhagina magaalaan hojii hojjetameen haaromsi gamoowwanii, ibsaan daandiirraa fi beeksifni dijitaalaa magaalattiif dammaqina uumaniiru.
Milkaa’inni misoomaa kun Finfinnee wiirtuu tuurizimii biyya keessaa fi biyya alaa taasisaa jira..
Komishinariin komishinii turizimii bulchiinsa magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaa ENA’tti akka himanitti, hojiileen misoomaa Finfinneetti galmeeffaman magaalattii bakka hawataa ishee taasisaa jira.
Bara bajataa 2018 baatii sagal darban baay’ina tuuristii biyya keessaa fi biyya alaa dabaluudhaan faayidaa dinagdee hedduu gumaachuusaa ibsaniiru.
Fayyadama dinagdee lammiilee guddisuudhaan fayyadamni hawaasummaa fi dinagdee akka fooyya’u gochaa jiraachuu kaasaniiru.
Hojiileen hojjetaman magaalaa Finfinnee wiirtuu konfaransii Ardii fi Idil addunyaa taasisaa akka jiru himaniiru.
Keessummoonni taateewwan Ardii fi Idil addunyaarratti hirmaatan jijjiirama magaalattii daawwachuun bifa abdii ifaa Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuun qooda olaanaa bahaa akka jiran ibsaniiru.
Fakkeenyaaf baatii sagal darban qofa taateewwan Ardii fi Idil addunyaa 200 caalan milkaa’inaan keessummeessuun gama misooma konfaransii turizimiitiin milkaa’inni guddaan argamuu dubbataniiru.