tiyoophiyaan Sirna Eegumsa Mirga Abbummaa Kalaqaa madaallii Sadarkaa Idil-Addunyaan wal simsiisuuf Fooyya'insa Seeraa Haaraa taasisaa jirti - ENA Afaan Oromoo
tiyoophiyaan Sirna Eegumsa Mirga Abbummaa Kalaqaa madaallii Sadarkaa Idil-Addunyaan wal simsiisuuf Fooyya'insa Seeraa Haaraa taasisaa jirti
Ebla 21/2018(ENA): Abbaan Taayitaa Eegumsa Abbummaa kalaqa Sammuu Itiyoophiyaa, Ulaagaa madaallii Idil-Addunyaa waliin wal-simsiisuuf fooyya'insa seeraa haaraa taasisaa akka jiru beeksisera.
Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Obbo Walduu Yimasil akka ENA’f ibsanitti, namoota abbummaan kalaqaa isaanii akka eegamuuf gaafatanif tajaajilli kennamaa jira.
Eegumsa Abbummaa kalaqaa ammayyeessuuf, hoj-maata ammayyaa’aa fi hammattoo seeraa qopheessuun hojiirra oolchuun danda'amuu ibsaniiru.
Fakkeenyaaf, seera waggaa dheeraa turan fooyyessuun sirna hojii yeroo ammaa waliin deemu uumuun danda'amuu ibsaniiru.
Hammattoowwan seeraa fi hoj-maanni kunniin mirga Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa eeguuf gargaaraa jiru.
Sirni eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa, Dhaabbata Daldala Addunyaa dabalatee Dhaabbilee Idil-Addunyaa waliin walitti hidhata uumaa jiraachuu ibsaniiru.
Eegumsa mirga abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sadarkaa Idil-Addunyaatti fiduuf fooyya'iinsi seeraa haaraa taasifamaa akka jiru hubachiisaniiru.
Fooyya'insi sirna hojii fi seeraa kun mirga Abbummaa kalaqaa sammuu mirkaneessuun gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Kana malees, dandeettii ogeessotaa guddisuun qulqullinaa fi dhaqqabamummaan tajaajilichaa akka mirkanaa'u hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Waggoota darban dameelee adda addaan mirgi Abbummaa Kalaqa sammuu kuma 3 hin caalle kennamaa ture, amma garuu waggaatti galmee kuma 9 ta'uuf kennamuu kan dandeessisu jalqabameera jedhaniiru.
Itiyoo-Aliyaansi Advokeesiitti (Ethio-Alliance Advocacy), Daayrektarri abbummaa kalaqa Sammuu fi Hariiroo Idil-Addunyaa, Doktar Tigisti Dasuu gamasaaniin, fooyya'iinsi seeraa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa sirna hojii ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Bu'a qabeessummaa eegumsa Abbummaa kalaqa sammuu Itiyoophiyaa mirkaneessuuf tumsa dhaabbilee Idil-Addunyaa caalaatti cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Fuuldurattis seerota fooyyessuu fi dandeettii ogeessotaa cimsuun barbaachisaa ta'uu dubbataniiru.