Jiraattonni magaalaa Finfinnee kaardii filannoo fudhachuuf tattaffiin olaanaa agarsiisan sirna dimokiraatawaa ijaaruuf kutannoo qabaniif ragaadha - ENA Afaan Oromoo
Jiraattonni magaalaa Finfinnee kaardii filannoo fudhachuuf tattaffiin olaanaa agarsiisan sirna dimokiraatawaa ijaaruuf kutannoo qabaniif ragaadha
Ebla 21/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Finfinnee kaardii filannoo fudhachuuf quuqama olaanaa agarsiisan sirna dimokiraatawaa ijaaruuf kutannoo qabaniif ragaa ta’uu Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa ibseera.
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Finfinnee filannoo waliigalaa torbaffaa galmeen filattotaa xumuramuu ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kenneera.
Walitti qabaan Mana Maree Waloo, obbo Maaruu Jaanee ibsa kana kan kennan yoo ta’u, Manni Maree Waloo kun dhimmoota siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa magaalattii irratti bulchiinsa magaalattii waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.
Adeemsa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti Manni Marichaa jiraattota magaalaa Finfinneef karaa adda addaatiin kaardii filannoo akka argatan hubannoo uumuun akka hojjetamaa ture ibsaniiru.
Filannoo kana ilaalchisee qaamota dhimmi ilaallatu waliin mariin bu’a qabeessa ta’e adeemsifamuus ibsaniiru.
Galmeen filattotaa xumuruun jalqaba filannoo dha malee filannoon hin xumuramne waan ta’eef filannoo waliigalaa adeemsifamu irratti hirmaachuun gahee isaanii bahachuu aka qaban hawaasaaf dhaamaniiru.
Filannoon kun milkaa’inaan akka xumuramu gochuuf Manni Marichaa gahee irraa eegamu akka ba’us mirkaneessaniiru.
Itti aanaan Af-yaa’ii Mana Maree Waloo paartilee siyaasaa Zarihuun Kormee akka ibsanitti, Manni Marichaa filannoo haqa qabeessa, bilisaa fi nagaa akka ta’u gochuu keessatti gahee irraa eegamu ba’aa jira jedhani.
Dhimmoota biyyaalessaa adda addaa irratti marii gaggeessuun hubannoo waloo uumaa akka jiru akeekaniiru.
Filannoon biyyaalessaa torbaffaa milkaa’inaan akka xumuramuufis qindoomina Boordii Filannoo waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Filannoo kana keessatti hubannoo hawaasaa guddisuuf hojiin qindaa’een hojjetamaa akka jirus ibsaniiru.
Dabalataanis Manni Marichaa milkaa’ina filannoo mirkaneessuu keessatti gahee isaa cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
#Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA