Godina Jimmaatti lafa heektaara kuma 883 irratti hojiin midhaan adda addaa misoomsuun eegalameera - ENA Afaan Oromoo
Godina Jimmaatti lafa heektaara kuma 883 irratti hojiin midhaan adda addaa misoomsuun eegalameera
Ebla 21/2018 (ENA): Waajjirri Qonna godina Jimmaa hojii qonna Ganna bara 2018/19tti lafa heektaara kuma 883 irratti midhaan adda addaa misoomsuun, omisha kuntaala miiliyoona 36 argachuuf karoorfatee hojiitti galuu beeksise.
Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Tijaanii Tamaam ENAtti akka himanitti, oomishaa fi itti fufiinsa guddisuuf qonna godinichaa babal’isuu fi ammayyeessuun xiyyeeffannoon kennamee hojjetameen bu’aa jajjabeessaan argamaa jira jedhani.
Hanga ammaatti lafa waliigalaa keessaa dhibbentaan 13 qotamee boqqolloo fi bishingaan facaafamuu himaniiru.
Galteewwan yeroo oomishaaf barbaachisan qonnaan bultootaaf yeroon dhiyaachaa akka jiran eeruun, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala kuma 780 ol galfamee qonnaan bultootaaf raabsamuu eeraniiru.
Sanyiin filatamaa kuntaala kuma 21 ta’u kennamaa akka jirus eeruun, galteewwan yeroodhaan dhiyeessuun hojii midhaan facaasuu yeroodhaan akka raawwatamuuf gargaareera jedhan.
Akkasumas, rooba Gannaa fayyadamuun xaafii fi ruuzii dabalatee gosoota midhaan biroo akka facaafaman ibsaniiru.
Jijjiirama kanaan booda qonna ammayyeessuuf qonnaan bultoota aanaalee Godinichaa 20 keessatti tiraaktaroota kuma 1 fi 426 kennuunis beeksisaniiru.
Godina Jimmaa Aanaa Qarsaatti qonnaan bultoonni Muhaammad Abbaaboor fi Muhaammad Nuur Abbaatamaam dursanii galtee qonnaa barbaachisoo fudhachuun lafa isaanii sanyii facaasuu eegaluu isaanii ibsaniiru.
Deeggarsa ogummaa ogeeyyii qonnaa irraa argachaa akka jiran kan eeran yoo ta’u, omisha bara darberraa fooyya’aa ta’e aragachuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru.
Godinichatti bara omisha Gannaa kanaan qonnaan bultoonni 420,000 ol qonna kanarratti akka hirmaatan ibsameera.