Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Itiyoophiyaa basii jireenyaa lammiilee hir’isuufi dhiyeessii boba’aa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjachaa jira- Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

Ebla 21/2018(ENA): Mootummaan Itiyoophiyaa baasii jireenyaa lammiilee hir’isuuf birrii biiliyoonaan lakkaa’amu ramaduun akkasumas filannoowwan hunda fayyadamuun dhiyeessii boba’aa itti fufsiisaa akka jiru Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Mootummaan fedhiiwwan bu’uuraa ofii biyya bilisaa ofiin guuttatu taate uumuuf imaammata baasee hojjachaa jira.


Keessattuu, hirkattummaa boba’aa irraa bilisa ba’uuf dursee gara hojiitti galuun isaa, rakkoo hawaasummaa fi dinagdee cimaa biyyattii mudachuu danda’u biyyoota biroo wajjin yoo madaalamu sadarkaa olaanaadhaan hambisuu akka danda’e ibseera.


 

Guutummaatti hirkattummaa boba’aa irraa bilisa ba’uuf carraaqqii mootummaa fi dhuunfaa bal’aa kan gaafatu ta’us, waggoottaan saddeet darban keessa damee dhiyeessii anniisaa haaromfamuurratti hojiin hojjatame rakkoo amma jiru kana dandamachuuf baay’ee deeggaruu eerameera.

Dhiyeessiin humna elektirikii Itiyoophiyaa guutummaatti Madda Anniisaa haaromfamu, jechuunis Bishaan, Qilleensaa fi Aduu irraa kan argamu yoo ta’u, gara fuulduraattis Anniisaa Jii’ooteermaalii fi Niwukilera irraa maddisiisuun fedhii biyyattii sadarkaa amansiisaa ta’een guutuuf hojjatamaa jira jedheera tajaajilichi.


Madda Anniisaa Haaromsuun danda’amuun rakkoo hanqina boba’aa addunyaa fi daballii gatii amma uumame waliin walqabatee industiriiwwan omishaa biyyattii irratti dhiibbaa uumamuu danda’u hambisuu akka dandeessise ibseera.

Mootummaan waggoota darban keessa lammiileen filannoo anniisaa haaromfamu fayyadamuu akka danda’aniif sirnoota onnachiiftuu garaagaraa hojiirra oolcheera.

Kanaanis, kallattii mootummaa fudhatanii Konkolaataa Elektirikiin lammiileen fayyadamuu eegalan amma rakkoo kanaaf saaxilamoo ta’uu dhabuusaanii odeeffannichi eereera.

Kunis kanneen duubatti hafaniif barnoota kan kennu yoo ta’u, Mootummaaf ammoo kallattii imaammata hordofaa jiru sanaaf ofitti amanamummaa kan uumu ta’uusaa ka’eera.

Yeroo ammaa Konkolaataan Elektirikii kuma 140 ol kan jiran yoo ta’u, yeroo gabaabaa keessatti lakkoofsa kana baay’inaan guddisuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru tajaajilichi eerera.

Mootummaan birmadummaa anniisaa Madda Anniisaa haaromfamu irratti hundaa’ee mirkaneessuuf carraaqqii taasisaa jira.

Hidhi haaromsa guddicha Itiyoophiyaa xumuramuun dhiyeessii humna Itiyoophiyaa sadarkaa olaanaadhaan yoo guddisu, humni qilleensaa yeroo yeroon eebbifamanii gara hojiitti galaa jiru.

Afrikaa keessatti humna aduu gurguddaa ta’e, paaneelota soolaarii (solar panel) oomishuuf dandeettiin kan uumame yoo ta’u, hirmaannaan dhuunfaas akka jajjabeeffamu ibsameera.

Kana malees, ijaarsi waarshaa qulqulleessituu boba’aa fi oomisha gaazii uumamaa saffisaa akka jiru eerameera.

Carraaqqiiwwan hunda kana gidduutti, rakkoon Addunyaa amma uumame lammiilee irratti miidhaa hamaa akka hin geessisne ittisuuf, mootummaan kanaan dura gargaarsa taasisaa ture irratti dabalatee, ji’a ji’aan birrii biiliyoona 20 ramaduun akkasumas filannoowwan garagaraa fayyadamuun dhiyeessii boba’aa itti fufsiisaa akka jiru tajaajilichi beeksise.

Mootummaan kallattii imaammata diinagdee magariisaa fayyadamuun rakkoo kana bu’uuraraa ummata wajjin akka darbuu fi balbalii ba’umsaas fagoo akka hin taane odeeffannichi ibseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015