Hojiileen Naannoo Hararii keessatti hirmaannaa fi qulqullina barnootaa irratti hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen Naannoo Hararii keessatti hirmaannaa fi qulqullina barnootaa irratti hojjetaman bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru
Ebla 21/2018 (ENA): Naannoo Harariitti dhaqqabummaa barnootaa babal’isuu fi qulqullina barnootaa fooyyessuuf hojiiwwan kallattii hedduun hojjetamaa jiran bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu Biiroon barnootaa naannichaa beeksise.
Qaawwa sirna barnootaa keessatti mul’atu haala itti fufiinsa qabuun furuuf mootummaan hojiilee roga hedduu qaban kanneen misooma kaarikulamii irraa kaasee hanga dhiyeessii qabeenyaatti hojjetamaa jira.
Barnoota qulqullina qabu mirkaneessuuf bu’uura barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa cimsuu, sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu, dhiyeessii qabeenya mirkaneessuu fi dandeettii barsiisotaa ijaaruu irratti xiyyeeffannaan addaa kennamaa jira.
Akka Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii obbo Geetuu Nagawoo himanitti, hojiiwwan roga hedduun qaawwa damee barnootaa keessatti mul’atan suphuudhaaf hojjetamaa jiran qulqullina barnootaa fi hirmaannaa naannichaa irratti bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiru jedhani.
Keessattuu hawaasa hirmaachisuun gandoota magaalaa fi baadiyyaa naannichaa hunda keessatti manneen barnootaa mana barumsaa duraa hanga kutaa 8tti ijaaramanii, daa’imman umuriin isaanii barnootaaf gahe mana akka hin oolle gochuun barnoota akka argatan taasisuun, hirmaannaan barnootaa naannichaas dhibbeentaa 94 irra ga’eera jedhan.
Waajjirichi gama qulqullina barnootaa mirkaneessuun bajata mootummaan naannichaa ramadeen qabeenya barnootaa barbaachisu manneen barnootaaf dhiyeessuuf hojjechaa turuu eeraniiru.
Madaalliin barsiisotaa qulqullina barnootaa fooyyessuuf sababoota keessaa tokko ta’uu kan eeran obbo Geetuun, qormaanni madaallii barsiisotaa bara kanaa toora interneetii (online) irratti kennameera jedhan.
Qormaata kutaa 12ffaa, 8ffaa fi 6ffaa akka biyyaattis ta’e naannichatti kennamu irratti bu’aan barattootaa waggaa waggaan fooyya’aa akka dhufe eeruun, bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Hararitti daariktarri mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi giddugaleessaa Geey Madrasaa Usmaa’iil Ibraahim gama isaaniin akka himanitti, dhaqqabummaa fi qulqullina barnootaa mootummaan kaa’e irratti hundaa’uun hojiiwwan mootummaan hojirra oolchuu fi bu’aan galmaan ga’uu ibsaniiru.
Barattoonni naannichatti qormaata kutaa 6ffaa fi 8ffaa fudhachaa jiran ENAtti akka himanitti, Barsiisonni barnoota qohachisuu isaaniif kennuu fi gaaffii qormaataa qopheessuun isaan gargaaraa jiraachuun isaanii bu’aa fooyya’aa argachuuf gargaarsa guddaa akka isaaniif kenne dubbataniiru.
Barattoonni kunneenis qormaata irratti bu'aa gaarii galmeessisuuf ciminaan qophaa'aa akka jiran himaniiru.