Tamsaasa Kallatti:

Baay’inni dhiheessii boba’aa Naafxaa har’a irraa eegalee waraana jiddu galeessa bahaatiin dura bakka turetti akka deebi’u taasifame

Ebla 21/2018 (ENA)- Baay’inni dhiheessii boba’aa Naafxaa har’a irraa eegalee waraana jiddu galeessa bahaatiin dura bakka turetti akka deebi’u taasifamuusaa ministirri maallaqaa Ahimad Shidee beeksisan.

Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee haala boba’aa addunyaa yeroo ammaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Waraanichaan dura dhiheessiin boba’aa Naafxaa guyyaatti liitira miiliyoona 9 akka ture ministirri maallaqaa yaadachiisaniiru.

Waraana booda dhiheessiin Naafxaa walakkaan hir’atee gara liitira miiliyoona 4 tuqaa 5tti gadi bu’ee akka ture ibsaniiru.

Kanaaf Har’a irraa eegalee naannolee fi bulchiinsa magaalotaa hundatti dhiheessiin Naafxaa waraana dura bakka turetti guyyaatti liitira miiliyoona sagalitti akka deebi’u murtaa’uusaa beeksisaniiru.

Sababa waraanichaatiin mootummaan baatii tokkotti birria biiliyoona 20 ta’u deeggarsa akka taasisu eeranii, kuusaan deeggarsaa walumaa gala birria biiliyoona 300 qaqqabuusaa ibsaniiru.

Haala Kanaan mootummaan qonna, daldala alergii fi hojiilee biroo tilmaama keessa galchuun yeroo dhiheessiin boba’aa addunyaa hir’atetti baasii guddaa gochuun dhiheessiin bakka turetti akka deebi’u gochuusaa ibsaniiru.

Dhiheessii shaqaxa bu’uraa amansiisaa gochuuf hojiin guddaan guddaan hojjetamuusaa ibsuun, rakkoon lammiilee furamaa guddina si’ataa fulla’aa galmeessisuusaa dubbataniiru.

Mootummaan dhiheessii boba’aa Naafxaa yeroo miidhametti fayyadama lammiilee mirkaneessuuf sa’aatii 24 haala kan kan hordofu hundeessuun hordoffii gochaa akka jiru ibsaniiru.

Mootummaan bittaa hatattamaatiin Beenzilaa fi boba’aa Xiyyaaraa bituudhaan rakkinicha damdamachuuf dandeessiseera jedhaniiru.

Mootummaan boba’aa bittaa addaatiin baasii guddaadhaan dhiheessaa dhiibbaa ummatarra gahu hir’isuuf tattaaffii gochuusaas ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015