Tamsaasa Kallatti:

Hawaasa Magaalaa Shaggar fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuufhojjetamaa jira

Ebla 20/2018(ENA) - Bulchiinsi Magaalaa shaggar fedhii tajaajila bishaan dhugaatii hawaasaan wal qabatee jiru guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun waajjirri Bishaan, Albuudaa fi Inarjii magaalichaa ibsameera.


Itti gaafatamaan Waajjira Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Magaalaa Shaggar, Inj. Abboomaa Tarreessaa Bishaan Dhugaatii qulqulluu itti fufiinsa qabu hawaasaaf dhiyeessuuf xiyyeffannoon hojjetmaa jiraachuu ibsaniiru.

Huddeeffama magaalaa shaggar dura tajaajilli bishaan dhugaatiin wal-qabatee rakkoowwan walxaxaan kan turan ta'u eeruun, rakkoowwan kanneen bu'uura irraa furuun fedhii hawaasaa guutuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.

Koomunikeeshinii magaalaa Shaggariraa


 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015